Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeefamuun Hojjettoota Isaa Hedduu Isa Rifaasisuu 'Doctors Without Borders' Beeksise


Konkolaattota 'Doctors Without Borders, Itoophiyaa, Caamsaa 8, 2021
Konkolaattota 'Doctors Without Borders, Itoophiyaa, Caamsaa 8, 2021

Hojjettoonni isaa sadii naannoo Tigraay waraansi keessatti geggeeffamutti konkolaataa isaanii cinatti ajjeefamanii argamuu Doctors Without Borders (MSF) jimaata darbe beeksisee jira.

Gadda keenya mara haleellaa rifaasisaa kana ibsuuf jechi hin jiru, jechuu dhaan jaarmayaan gargaarsa wal’aansa fayyaa kun ibsa baaseen beeksisee jira.

Jechoonnis gadda maatiiwwan namoota isaanii dhaban jajjabeessu hin argamu, gadda guddaa nutti dhaga’ame ni ibsina jedha ibsichi.

MSF/ Mdisine san frontiyer akka jedhetti kamisa hojjettoota isaa waliin quunnamtiin addaan cite, Jimaata ganama konkolaataan isaanii duwwaa ennaa argamu, reeffi isaanii immoo meetra xiqqoo fagaatee argame.

Kanneen ajjeefaman kun qindeessituu yeroo hatattamaa MSF kan umuriin waggaa 35 Mariyaa Hernandze, lammii Spain, itti aanaa qinddeessaa fi lammii Itiyoopiyaa kan umuriin waggaa 31 Yohaannis Halefoom Redaa fi kan umuriin wagga 31 shofeera isaanii Teedroos Gerbremaariyaam. Du’uun sadarn isaanii mara keenya, Itiyoopiyaa keessaa fi biyyootii naannoo addunyaa bakka keessa sossoonee hojjennu mara keessatti gadda guddaa uume jechuun MSF ibsa isaan beeksisee jira.

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guterees sambata darbe ibsa kennaniin ajjeechaa kanatti hedduun rifadhe jedhan.

Kun qaruma fudhatama hin qabu, seera namoomaa kan sadarkaa addunyaas kan cabsuu dha. Kanneen yakka kana raawwatan barbaadamanii argamuun adaba cimaan adabamuu qabu jedhan.

Guteres itti dabaluu dhaan, Michoota keenya uummata Tigraayiif deggersa gochuuf lubbuu isaanii balaaf saaxilaman cina nan dhaabbadha jedhan. Koreen waldaa fannoo diimaa addunyaaf angawaa kan ta’an Nikolaas Von ARx ibsa sambata darbe kennaniin, oduu suukaneessaa kana dhaga’uun mara keenya hagam akka rifaasise ibsuu hin danda’u jedhan. Angawoonni MSF uummata hojii isaanii namoomaa kanneen barbaadan gargaaruuf dadhabbii malee ni hojjetu.

Ibsi koree fannoo diimaa addunyaa, haleellaan hojjettoota gargaarsa namoomaa fi ogeessota fayyaa irratti geggeessamu. gargaarsi namoomaa bakka guddataa Adeeme Tigraay keessatti, dandeettii dhaabia gargaarsaa akkaan dadhabsiisa jedhee jira.

Humnootiin nagaa eegsisanii fi kanneen meeshaa waraanaa hidhatan martinuu ogeessota fayyaa fi hojjettoota gargaarsaaf haala walitti bu’iinsi waraanaa jiru keessatti eegumsa gochuufiif itti gaafatamatu irra jira jedha ibsichi.

Hooggana Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Keessaa Tokko Getaachoo Reddaa Hojjettoota Dhaaba Gargaarsaa Ajjeefaman Ilaalchisee Ergaa Tweeter Maxxansan

Gama biraan hoogganoota adda bilisummaa uummata Tigraay irraa obgbo Geetaachew Reddaa ajjeefamuu hojjettoota dhaaba gargaarsaa ilaalchisuun twiteer irratti ergaa barreessanii, mootummaan Tigraay fi humnootiin ittisaa Tigraay qaamotii dhimmi ilaalu walii wal ta’iinsa agarsiisuuf akkasumas balaan uumame kun akka qoratamu akkasumas nageenya hojjettoota gargaarsa addunyaa eeguuf cicha qaba jedhan.

Kan nama gaddisiisu, kanneen gara jabinaan ajjeechaa raawwatan kun Abiyn raawatamuu isaa mul’lisaa jiru. Kanneen ajjeefaman kun uummata naannoo gargaarsa barbaaduuf deggersa kennaa turan.

Kanaaf du’uun isaanii nama gaddisiisa. MSF fi maatiiwwan namoonni duraa du’aniif gadda nutti dhaga’ame ibsina jedhan. Ajjeechaa suukanesssaan Shoate Higum keessatti loltoota hojjettoota gargaarsaa dhaaba MSF irratti loltoota Abiy Ahimed kanneen baqatniin raawwataeme ajjeechaa gara jabinaa ti. Loltoonni baqatan kun mooraa namoota qe’ee irraa godaananii keessaa namoota 12 ol ajjeesaniiru. Kun dhugumatti haala balaafamaa yeroo dheeraaf kan geggeessamaa ture jedhan.

Dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Steefen Dujaariik jimaata darbe akka jedhanitti hojjettoonni gargaarsaa yeroo hedduu gargaarsa namoomaa akka hin kennineef irratti fuuleffatama.

Lolli Tigraay keessaa duruu haala namoomaa wal xaxaa kan taasise yoo ta’uu, uummanni 350,000 beelaaf kan saaxilaman yoo ta’u, kanneen miliyoona 4 ta’an immoo qarqara beelaa irra jiru. Komiishinerri ol aanoon kan tokkummaa mootummootaa Filippoo Graandee qaamotiin walitti bu’iinsa keessatti hirmaatan siivilotaaf hojjettota gargaarsaaf eegumsa akka godhan gaafataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG