Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka jecha ogeeyyoota Qilleensaa Amerikaa(NOAA)ti jijjiiramii qillensaa, La Nina ganna dhufu,2017 Afrikaa Bahaatti bona buusa


Jijjiiramii qillenesaa La Nina jedhan Afrikaatti bona buusuuf deema
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:50 0:00
Xurree marsariitii

Durii El Niño amma ammoo La Niña.Kun cuftii maqaa qilleensaa jijjiiramuuti. Qilleensii kun yo hedduu garba irraa dhufa.Ykn bona buusaa ykn ammoo gannaan dhufa.

La Niña yoo qillenesii qabbanahaan garbaa ganna 2-5 garba Paasifik irraa gama Bahaatii fi gama jiduutti bubbisee dhufa. Kun ammoo akka jecha ogeeyyota qilleensaati Afrikaa gama Bhaatti bona fida.

Keessummaan keenna ka hardhaa Dr.Kiris Funk,Amerikaa,yuniversitii Kaalifoorniyaa magaalaa Santa Barbra jirtu (UCSB)keessa hojjata.Saayintistii beekamaa.

Dr.Kiris ogeessaa qorannoo, qilleensaa, teessuma lafaatii fi nama sagantaa Amerikaa beela biyya alaatiin gargaartu dursitee akeekkachiiftu FEWS NET keessalleetti ogeessaa tahee hojjatu.

Jijjiirama qilleensaa Afrikaa irratti ogeessaa olaanaa.Saatelaayitiin jarii qilleensaa bonaa fi gannaatiin qoratu Geostationary satellite jedhan.Mudhii lafaa gubbaa lafa irraa 38,000 fagaattee garuma laftii martu; Dhiyaa gama Bahaa martee qilleensa lafaa qorattee wara lafa jiruu ergiti.

Dr.Kiris Funk saayintistii qorannoo dhaaba USGS
Dr.Kiris Funk saayintistii qorannoo dhaaba USGS

​Saayintistootii tana irraa odeeffannoo argatan.Yoo qillenesii qabbanahaan garbaa ganna 2-5 garba Paasifik irraa gama Bahaatii fi gama jiduutti bubbisee dhufa.Kun ammoo akka jecha Dr.Kiriistitti Afrikaa gama Bhaatti bona fida.

"Saayintistootii NOAA ji'a tokkoon duubatti jijjiiramii qilleensa EL NINO hafee La Niinaan dhufa jedhanii qoratanii bira gahan.Kun harka 75 mirkana.Tun taanaan Ethiopiaa gama Kibbaatti gana dhufu keessa laftii bokkaa gannaa silaa argattu hin argattu.Duruu EL Niinoon Itoophiyaa gama Kaabaatti bona fidee amma ammoo La Niinaan itti dabalamee bokkaa gannaa lama waluma gula oola jechuu."

Akka Dr.Kiris qorannoo ganna hedduu irraa arge jedhetti jijjiiramii qilleensaa La Niinaa jedhan kun Afrikaa gama Gaafaatti bona hamaan dhufa.

Wannii qilleensii La Niinaa kun Afrikaa gama Bahaa irraa bokkaa guddaa diqqeessa jenneef akkuma ati beettu biyyootii mudhii lafaa Afrikaa gama Bahaa jiran marroo lama bokkaa argatan.Onkololeessa,Saadaa fi Muddee fi Bitootessa ,Eblaa Caamsaa keessa argatan.La Niinaan bokkaa kana lamaanuu roobuu dhowwaa jedhanii sodaatan ogeeyyotii raaga qilleensaa Amerikaa.Bara 2010 fi 2011 keessalee bokkaan kun akkasii oole.Ganna lama bokkaan gannaa oolee namii rakkataa jennee.

Akka dameen sagantaa dursa akeekakchiisaa beela US (FEWS) NET jettutti ganna dhufu keessaa EL NINO fi EL Niinaan humna jabeeffachaa dhufan.

Akkii qilleensii El Niinoo ammaan tana Itoophiyaatti bubbisuu fi yoo gannaa bubbisu gargar jira.Bubbee ji’aa Wxabajjii, Adoolessa,Hagayyaa fi Fulbaana EL Niinoon wal hin tahu.Bubeen qilleensa Bitootessa, Eblaa fi Waxabajjii ammoo qilleensa Itoophiyaa gama Kibbaatii bubbisuun walii taati jedha Dr.Kiriis

Jijjiiramii qilleensaa addunyaa waliin dhahuutti jiru Itoopiyaa keessattu warra horiitii fi warra qonnaatii rakkoo guddoo itti fida.Dr.Kiriis akkuma warrii qonnaalleen inshuaansii midhaan isaanii argatu warrii horiilleen inshuraasnii horii isaanii argatu fedha.

Dr.Kirisii fi miilota isaa Sagantaa Dursa Akeekkachiisa US adoo beelti hin dhufnee ummataan gargaartu keessa hojajta.

Sagantaan kun biyyoota beelaan beekaman kamti afaan balaa jiraa jechuun qoratee rakkoo isaanii addunyaatti himaaf.

Ogeeyyotii wabii nyaataa Amerikaa fi Afrikaa ji’uma ji’aan Waashngton,DC keessatti wal arganii mari’atanii WDC fi Afrikaatti wal arganii waan jiraa wal mari’atan.Biyya tamitti gargaarsa midhaanii barbaadaa jedhanii qoratan. Odeeffannoo saatelaayitii irraa argatanii fi waan hojjattootii isaaniiti fi hojjatootii biyya gargaraarsa barbaaddu jiran dhaqanii laalan walti dabalanii odeeffannoo argatan walti laalan.Gabaasa ji’aa sadii fi haga jahaa durattuu baasan

Dhaabii Dr,Kirs Funk keessa hojjatu tohannoon teessumaa fi quftuma lafaa US Geological Survey(USGS) kun yuniverstii Kaalifoorniyaa keessaa waajjira qorannoo Itoophiyaa waliin hojjatu qaba.

Hujii tana irratti ogeeyyotoa qilleensa Itoophiyaa leenjisuu,qoranno waliin hojjachuu fi jijjiiram qilleensaa waliin tohachuu fi waan hedduu waliin hojjatanii akeekkaciisa baasan.

Dhaabii qorannoo Qorannoo teessuma Amerikaa Unted States Geological Survery (USGS) kun Finfinnee,Naayrobii,Guwatamaalaa fi lafa akka akkaatii biiroo qaba.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG