Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akkaataan U.S.Koronaa ufi irraa ittisuutti jirtun filannoo pirezidaantummaa isii murteessuus dandaha jedhu ogeeyyotii


FILE - A combination of photos shows U.S. President Donald Trump (L) and Democratic presidential candidate former Vice President Joe Biden squaring off during the first presidential debate in Cleveland, Ohio, Sept. 29, 2020.
FILE - A combination of photos shows U.S. President Donald Trump (L) and Democratic presidential candidate former Vice President Joe Biden squaring off during the first presidential debate in Cleveland, Ohio, Sept. 29, 2020.

Akkaataan U.S. koronaa ufi irraa ittisuutit jirtuun duula filannoo biyyattii 'murteessuu dadahus mala'
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:18 0:00

Amerikaan torbaan lama keessatit pirezidaantii filatti. Mataan dubbii jabduun amma itti jiran akka biyyitii tun koronaa ufi irraa ittisuuniitti jirtu.

Akka Brian Padden gabaastti kana irratti paartii lachuu yaada mataa ufii qabdii falamaatti jiran.

Pirezidaanti Tiraampi yoo dhiyoo tana maanugdoota Filooridaatiin walti dhufelleetti barii koronaa itti moo’nnu yaayyuu dhiyaate jedheen.

Qorsa dhiba kanaallee harkaan gahachuutti jirraa jedhe."Ergaan ani maanguddoota Amerikaatii qabu abdii fi ufitti hirkachuu.Dadhabbbiin teessan lafatti hin banne.Ifa abdiitti gamaa mullataa itti dhiyaachuutti jirra.”

Namii pirezidaantummaa irratti Tiraampiin morkatu, Joe Biden ammo Tiraamp balaa kornaa Amerikaatti heddachaa deemuutti jiru akka waan laafuutti laaluutti jiraa jedha.

"Karaa itti jijjiirraa?. Ee waaqa kiyya!Baduutti hin jiruu bittaa, akkuma jedhan dabalaa deemuutti jira,” jedhe yoo waan koronaa dubbatu.

Amerikaatti nama kuma 200 fi 20 caalaatti koronaan lubbuu dahbe akka gabaasa yuniversitii Johns Hopkinsitti.

Akka ogeeyyotii jedhanitti vaayireesiin kun ajandaa biyyaa, gabayaa walbaa,dhimma baqataa, caasaa fayyaa fi mirga ulfa ufi irraa baasuuyyuu nama irraa jijjiirsise.

Akka vaayireessii kanaan tohatanii fi jireenna biyyaallee laafuu dhowwaniin irratti paartiin U.S. bulchitu falmaa jabduutti jiran.

Falamuma tanaan filannoo pirezidaantummaa Sadaasaa 3tti yaahuutti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG