Odu gabaastuun VOA Hezer Mardook roobii darbe magaalaa Aksuuk keessa turte. Magaalattii keessaa bakkeewwan gabaa fi hospitaalota daawwattee jirti. Tigraay keessaa waraansichi erga jalqabamee booda saamicha raawwatameen hospitaalonni dubartoota ulfaa kessummeessuu dadhabuu isaanii fi du’i harmoolii dacha ol dabaluu isaa daayiriktera hospitaala riferaalii Meqelee dubbisuun gabaastee jirti.
Heazer Mardok hojiif bakka jirtu Tigraay keessa haala jirtu ennaa ibsitu muddamni xiqqoon jira. Interneetiin bakka tokko ykn lama qofaa jiraachuu isaaf loltoota hedduu arguu ishee dubbatti. Waraansi kan hin jiraanne ta’uu ibsitee, bakka amma jirtu Aksuum keessaa namoonni nuti arginee dubbisne manneen daldalaa banamaa jiraachuu fi asii fi achi sosso’uu jalqabuu nuuf himan jette.