Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aksuuma Waggaa Tokko Booda Maal Keessa Jirti? 


Dargaggonni hedduun kan keessatti ajjeefaman magaalaan Aksuum Wiixata kaleessaa waggaa tokko guuttee yoo ta’u, yeroo ammaa nagaan bu’e sochii ammaan dura baratameetti deebi’aa akka jirtu jiraattonni dubbatanii jira.

Komishinni mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa fi komiishinni mirga dhala namaa kan Tokkuummaa mootummootaa dhiyeenya kana walii wajjiin gabaasa baasaniin, waggaa tokko dura dargaggonnii 100 looltoota Ertraan jumlaan ajjeefamuu beeksisuun isaanii ni yaadatama.

Jiraataa magaala Aksuum kan ta’an Dr. Haayla drgaggoota magaalattii lakkobsaan hedduu ta’an halkan sadaasa 20tti bari’uu jedhu raayyaa Ertraan jumlaan ajjeefamuu ibsanii sadaasa 21 raayyaa ittisaa kan Itiyoophiyaa Aksumiin eega to’atee booda magaalattiin tasgabaa’uu ishee ibsan.

Lakkobsii namoota ajjeefamanii kana kan caaluu ta’u ka dubbatan Jiraattonni Kanneen yakka kana raawwatan seera duratti akka dhiyaataniif gaafatu.

Mootummaan Ertraa immo himata kana kan hin fudhanne ta’u ibsa baaseen hubachisee ture.

Guutummaa Itiyoophiyaa irraa amantoonni kuma hedduun gara Aksuumitti imaluun kan kabajaa turan ayyaanni “Aksuum Tsiyoon’ baranaa namoonni irratti argaman kan yeroo biraa irra lakkobsaan gad bu’aa ta’u oduu gabaasaan keenya Mulugeetaa Atsebahaa gamasii ergee hubachisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG