Xurree ittiin seenan

Breaking News

Al shabaab Hirmaatota Filannoo Mootummaa Somaliyaa Sodaachsaa Jira


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Yemmuu biyyi somaliyaa filannoodhaaf qophaawaa jirtuu kanati gareen shororkeesaa Al shabaabi jedhamu warren filatamuudhaaf deeman jiran sodaachisaa jira.

Hogganaan garae Al shabaab Ahmed Abu Ubaidah warren filatamuudhaaf of qopheessaa jiraan bu’aa maallaqaa fi sagalee iccitiin kennama jidhameef akka hingowoomne ibsee, warreen filannicha irrati hirmaachuuf deeman carraa warren filannoo bara 2017 irrati hirmaatanii yaadachuu qabu jechuudhaan doorsiseera.

Filannoo bara 2017 tasifamee tti kaadhimamtoota hirmaatan hedduu irrati ajjeechaa rawwatameef gareen Al Shabaabi itti gaafatamummaa fudhatee akkka ture hin yaadatama.

Daarikteeraa itti aanaa jarmiyaa tikaa somaliyaa duraanii kan turan Abdisalam Gulaaid, wantii Al Shabaa jechaa jiruu haala filannichaa irratii sodaa umudhaaf akka ta’e himaniiruu.

Humnii nageenyaa mootummaa Somaliyaa, garee naga-eegidotaa gamtaa Afrikaa isa AMISON jedhamee beekamuu wajjin ta’uudhaan nageenyaa filanichaa mirkaneesudhaaf akka ojjachaa jiran gabasameera.

Filannoon Somaliyaa dilbataa dhufu kan jalqabamu yemuu ta’u gosaaleen bakka bu’oonta 54 warreen miseensotaa caffee ol aanaa ta’an

filachuuf deemu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG