Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Al Shabaab Hoogganoota Somaaliyaa Ol’aanoo Ajjeesuuf Karoorfachuun Himame


FAAYILII - Loltoota Al Shabaab Kaaba Moqaadishootti shakallii godhan, Fulbaana 5, 2010
FAAYILII - Loltoota Al Shabaab Kaaba Moqaadishootti shakallii godhan, Fulbaana 5, 2010

Gareen hidhattootaa Somaaliyaa keessaa sosocho’u Al shabaab prezidaantti Somaliyaa Mohaamed Abdulaahii Mohamed fi Muummee ministeeraa Mohaamed Huseeen Rooblee ajeesuudhaaf karoorfachuu isaa dhaabbanni tikaa fi nageenyaa biyyaalesaa Somaaliyaa beeksisee jira.

Dhaabbanii nageenyaa mootummaa Somaaliyaa dhimichaa irratti akeekkachiisaa fuulaa tiwiitarii gubbaatti baaseen, baldhinaan wantti ibsee jiraachuu baatus, haanga’onni mootummaa akka dhimicha beekan tasifamuu isaaf Al Shabaab irraa namnii Mohaamad Maahiir jedhamuu dhimmicha raawwachiisuuf akka ramadame ibseera.

Bitootessaa 23 /2022 Buufataa xiyyaaraa Moqadishoo irratti haleelaa rawwatamee lubbuu namoottan 6 galaafatee fi Magalaa Beledeweyin keessatti dubartii Miseensa mana maree kan ta’an Aminaa Mohaamed Abdii dabalatee namoottan hedduu du’anif Al Shabaabi itti gaafatamummaa fudhachuu isaa akka beeksise ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG