Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad garee hidhattoota Islaamummaa Al-Shabab biyyattii keessaa buqqisuuf sambata dabree waamicha dhiyeessan. Magaalaa Naannoo giddu galeessaa kan taate Hiran lafa wiirtuu tattaaffii al-Shabab irratti gaggeeffamu taate daawwatanii jiru .
Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Raayyaa Ittisa Biyyaa fi jiraattota naannoo Hiraan kan magaalaa Mahas, bakka sambata dabree daawwatanitti haasawa dhageesisaniin, gareen hidhattoota Islaamummaa somaliyaa keessaa akka buqqa’uuf gaafatan.
Raayyaan ittisa biyyaa fi lammiileen naannoo yoo meeshaa isaanii al shabaab irratti kaasauun waraanan, maadhee jabaa garee kanaa kan giddu galeessa naannoo Galmudug keessatti argaman ni dhuunfata jedhan.
Mahaammad wareegama isaan kaffalan yommuu faarsan, humnoonni fi hawaasni naannichaa lola shororkeessummaa naannoo Hiraan keessatti gaggeeffame irratti bu’aa guddaa galmeessaniiru jedhan. Gareen kun ammallee magaalota tarsiimoo qabeessa ta’an kana Haradhere fi El-bur kan bulchiinsa Galmudug keessa jiran to'ataa jiru jedhan.
Forum