Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Siiriyaa Uummata Sivilii Aleepoo Keessaa Baasuu Yeroof Dhaabee


Mootummaan Siiriyaa Uummata Sivilii Aleepoo Keessaa Baasuu Yeroof Dhaabee
Mootummaan Siiriyaa Uummata Sivilii Aleepoo Keessaa Baasuu Yeroof Dhaabee

Eega dho’insawwanii fi dhukaasaaleen gar-tokkoo magaalaa Siiriyaa lammaffaa – Aleepoo keessatti belbelanii booda, Mootummaan Siiriyaa har’a, uummata ssivilii magaalattii gama Bahaa keessaa baasuu yeroof dhaabee jira.

Gurmuuleen finciltootaa lamaa fi mootummaan biyyattii, walii-galtee dhukaasa-dhaabinsaa cabsuutti wal-balaaleffataa jiran.

Ka deemsa araaraa Aleepoo keessaa qooda guddaa qabdu – Tarkiin ammoo, siiviloota achii baasuu dhaabuun kun yeroof qofa malee, namoonni hedduun amma illee akka achii ba’uu fedhan dubbattti.

Siiviloota achii baasuun kun yoon akka deebi’ee jalqabamu waan beekame hin jiru.

XS
SM
MD
LG