Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoonni Garee Al Shabaab Hoteela Moqdishoo Keessatti Argamurratti Haleellaa Raaw’atan


Magaala Moqaadishoo, Bitootessa 15, 2024.
Magaala Moqaadishoo, Bitootessa 15, 2024.

Jiraattota magaala Moqaadishoo waabefachudhaan Maddii oduu Rooyotersii akka ibsetti, tarkaanifii kamisa kaleessaa galgala Bitootessaa 14 hoteelaa SYL jedhamuu irratti raawwatee kanaan dhodhohinsii lama kan dhagahaamee yemuu ta’uu, gareen hidhatootaa Alqaayidaa wajjin hidhata qabuufii Somaaliyaa keessaatti lolaa jiruu al Shabaab itti gaafatamummaa fudhachuun isaa beekamee jira.

Karaa biraatiin jiraattonni VOA ti dubbatan akka jedhaniitii, dursee hooteelichaa alaatti sagaleen dhodhohinsaa erga dhagahamee boodaa dhukaasinii qawwee hoteelicha keessatti itti fufe.

Hoteellii haleellaa irratti raawwate kun bakkaa haanga’oonni fi seeraa tumtoonni mootummaa Somaaliyaa itti bashananan ta’uudhaan kan beekamuudha.

Haanga’onii Poolisii dhaabbata oduu Ajaans Fraans Preesiif ibsa keenaaniin, umnoottan nageenyaa haalichaa too’achuu isaanii himanii, wareen haleellichaa raawwatan hunduu ajjeefamuu isaanii beeksisaniiru.

Haallii hoteelichaa tasgabaa’uu isaa kan ibsani haanga’onnii Poolisii mootummmaa Somaliiya dhukaasaa hidhatoonii raawwatan kanaan namoonni Sadii du’anii 27 immoo madaa’uu isaanii ibsaniiru.

Dhimma kan irratti gareen al shabaab ibsa kenneen Mujaahidoonni hidhatan hoteelichaa weeraruudhaan hojjaatootaa hoteelchaa fi wareen hanga’ootaa “ mootummaa gantuu” jedhanii waaman irratti dhukaasa banuu isaanii beeksisee jira.

Bara 2019 haleellaa walfakkaataa Hoteela kana irratti raawwatameef gareen al Shabaab itti gaafatamummaa fudhaachuun isaa ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG