Dubbii himaan ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa Ambasaadar Dinaa Muftii har’a magaala Baahir Daar keessatti ibsii kennani dhimmotiin yeroo kan adda addaa kan irratti qiyyyafate ture.
Raayyaan ittisa biyyaa naanoo bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Afaar kanneen Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT)n qabamanii turan injifatee to’achuu isaa, dhimmootiin ka’an keessaa tokko ture.Yeroo kanattis hedduun isaanii barbada’anii kaanis boji’amuun ibsamee jira.
Hogganoonni ABUT garu, deemsa karaa nagaaf carraa kennuuf jecha yeroo keenyatti dhiifnee baane jedhan
Biyyonni tokko tokkoo fi dhaabatonni sadarkaa addunyaa jecha ABUT kana fudhachuu isaanii nama gaddisiisa jedhan Amb. Dinaa Muftii.
Marii biyyooleessaa kan jedhu mata duree ka’e kan biraa yoo ta’u inni Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamuuf jiru wal amntaa dhabuu biyya keessaa furuuf marii ta’u malee kan biraa miti jedhan.
Marii sadarkaa biyyaatti gaggeeffamu kanas komiishina walaba ta’een kan gaggeeffamu ta’u mootummaan Itiyoophiyaa beeksiseera jechuun Aster Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.