Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ambaasaadder Jefirii Feltman Itiyoopiyaa Daawwatan


Ministrii dhimma alaa Itoophiyaa Demmeqee Mekonnin fi Gaanfa Afriikaatti jila addaa Yunaayitid Isteetis Jefirii Feltman
Ministrii dhimma alaa Itoophiyaa Demmeqee Mekonnin fi Gaanfa Afriikaatti jila addaa Yunaayitid Isteetis Jefirii Feltman

Ejjennoolee Yunaayitid Isteetis qabatte hangi tokko gocha seeraan alaa TPLF kan jajjabeessu ta’uu mootummaan Itiyoopiyaa beeksisee jira. Itti aanaa muummicha ministeeraa fi ministriin dhimma alaa Demmeqee Mekonnin gaanfa Afriikaatti jila addaa Yunaayitid Isteetis Jefirii Feltman waliin dhimmootii yeroo kan Itiyoopiyaa irratti mari’ataniiru.

Marii sana ilaalchisee VOAf ibsa kan kennan dubbi himaan ministrii dhimma alaa ambaasaadder Diinaa Muftii, TPLF gocha isaa isaa irraa akka of qusatu Yunaayitid Isteetis gocha isa mul’inatti akka balaaleffatu obbo Demmeqeen gaafataniiru jedhan. Jefirii Feltman gama isaaniin Yunaayitid Isteetis ol aantummaa biyyaa Itiyoopiyaa fi tokkummaa isheef ejjennoo murannoo qabu qabaachuu isaanii ibsanii, rakkoon amma jiru karaa nagaan akka furamu gaafachuu isaanii ambaasaadder Diinaan dubbataniiru.

Mootummaan rakkoo sana ilaalchisee paartilee siyaasa mara waliin dubbataa jiraachuu isaas ambaasaadder Feltmaniif ibsamuu isaa beeksisaniiru. Walii galtee lola dhaabiinsaa irra ga’uuf haal duree kan kaa’e TPLF, naannolee Affaarii fi Amaaraa keessatti weerara kan inni raawwate, mootummaan haal duree sana akka simatu dirqisiisuu fi akkasumas gama maraan kan cufaa ta’e daandii Tigraayitti geessu bansiisuuf akka ta’e ibsuun isaa ni yaadatama.

Baatii sadii dura jalqaba baatii Caamsaa irra Itiyoopiyaa kan daawwatan Ambaadaadder Jefrii Feltman, irra deebii gara Itiyoopiyaa ennaa isaan dhufan kanatti muummichi ministeeraa Abiy Ahimed gama Turkitti qajeelan. Muummichi ministeerichaa daawwannaa hojiif Turki Ankaaraa seenuu isaanii waajjirri isaanii guyyaa har’aa kan beeksise yoo ta’u, ambaasaadder Feltman muummicha ministeeraa waliin wal arguuf durumaan beellamni qabame akka hin jiraatin ambaasaadder Diinaan ibsaniiru.

Dawwannaa isaanii duraatiin garuu muummicha ministeerichaa waliin mari’achuu isaanii Itiyoopiyaatti kan argamu embasiin Yunaayitid Isteetis ibsee ture. Obbo Demmeqee waliin kaleessa kan mari’atan Feltman, har’a immoo ministrii nagaa Murfriyaat Kamiilii fi abbaa alangaa muummicha Dr. Geediyoon Ximootiwoos waliin kan mariyatan ta’uu ambaasaadder Diinaa Muftiin beeksisaniiru.

Itiyoopiyaa dura Jabuutii kan daawwatan gaanfa Afriikaaf jila addaa Yunaayitid Isteetis kan ta’an Jefirii Feltman, itti aansuu dhaan tokkummaa Emireetota Arabaa kan daawwatan yoo ta’u, daawwannaa isaan biyyoota lamaanitti geggeessan, dhimma Itiyoopiyaa waliin wal qabachuu fi dhiisuu mootummaan Itiyoopiyaa odeeffannoo akka hin qabaatin Ambaasaadder Diinaa Muftii ibsaniiru jechuun Kenedy Abate Finfinnee irraa gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG