Naazhi ministera haajaa alaa Ameriakatti itti aanaa haajaa Afrikaati.
Imaltuu tanaan Roobii Ammajii 15-29,bara 2020 tanaan biyya CAR, Itoophiyaa,Keenyaa,Suudan Kibbaa fi Suudan dhaqee bulchoota mootumama,dhaabbilee gargaarsa addunyaa,bakka buutota ummataa,dhaabbilee barnootaa,yuniversitii,barattootaan wal mari’ata.
Imaltuu tanaan bulchiinsa dansaa qabaachuu,demokiraasii jabduu horachaa nagaa naannoo jabeeffachuuf,horii ummataa baduu dhowwuu,diangdeen hunda jabaa qabdu qabaachuu fi waan hedduu irratti mari’atu.
mari’atu.
Akka kanaan waadaa Amerikaan ijoollee kahima Afrikaatiin walii galte hujii irraa oolchuuf deema.Walti dhufeenna yuniverstii Amerikaa fi Afrikaallee haala ittiin jabeessan irratti mari’ata.
Tana malee imaltuun tun ganna 10essoo Sagantaa Bulchiinsa Kahima Afrikaa,YALI ijoollee kahima Afrikaa bulchiinsatti jabeessuuf akka isaanii kahima akka isaanii Amerikaa jiru waliin hojjatan tolchuuf jajjabeessa.