Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ambaasaddar Lindaa Toomaas Griinfiild Dhimma Yukireen Irratti Gam-tokko Dhaabachuu Dhiisuun Hin Danda'amu, Jedhu


Tokkummaa Mootummotaatti Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteetis, Lindaa Toomaas Griinfiild
Tokkummaa Mootummotaatti Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteetis, Lindaa Toomaas Griinfiild

Tokkummaa Mootummotaatti Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteetis, waa’ee Raashiyaan Yukireeniin weeraruu ilaalchisee akka humnoonni Raashiyaa haatattamaan Yukireen keessaa ba’an jaarmayichi addunyaa ennaa murtii ejjennoo dabarsetti biyyoonni Afrikaa gara walakkaa tahan sagalee kennuu irraa of qusachuu isaanii ilaalchisee maddi oduu BBC gaaffii dhiheesseef ennaa deebii kennan, “akka ani hubadhutti akka biyyoonni kun dhiibbaa waraansi Raashiyaan Yukireen irratti geggeessit akka hubatan hojii dabalataa hojjechuu qabna. Biyyoonni sun baay’een sagalee kennuu dhiisuu akka waan gam-lamaaniifuu hin loogiin akka galaalchummaatti ilaalalan. Dhimma kana keessa galaalchummaan hin jiru,” jedhan.

Biyyoonni baay’een waraansicha ni balaaleffatn, garuu gama ejjennoo siyaasaatiin galaalchummaa yokaan gam-kamiifuu looguu dhiisuu filatan. Kun yaadannoo lola addunyaa qabbanaawa namatti fida, jedhu biyyoonni Afrikaa, fakkeenyaaf biyyoonni akka Yugaandaa faa. Ejjennoo galaalchummaa qabaachuun mirga isaanii mitii gaaffii jedhuufis, Ambaasaaddar Liindaa Toomaas Griin Fiild, “Eyyeen, dhugaa dha. Sana gochuun mirga isaanii ti. Garuu ammoo dhiibbaa inni seerratti sadarkaa addunyaa irrattti qabaatu ilaaluunis waan sirrii dha. Dhiibbaa waraansi weeraraa kun qabu itti dhaga’amaa jira. Garuu, amma sagaleen isaanii dhaga’amutti, Raashiyaan hanga sagalee isaanii dhageessutti, akka isaan ishee deggeranitti ilaaluuf jirti.” Jedhanii jiru. Lola Addunyaa qabbanaawaa nama yaadachiisa ka jedhame ilaalchisees ennaa dubbatan,

“Lola Addunyaa qabbanaawaa miti kun. Kun dorgommii Yunaayitid Isteetisii fi Raashiyaa gidduu, dorgommii Addunyaa gama Lixaa fi Raashiyaa gidduu miti. Kun haleellaa Raashiyaadhaan biyya ollaa ishee irratti geggeessame. Kun haleellaa Raashiyaadhaan safuu ijoo Mootummoota Gamtoomanii irratti geggeessame. Kun haleellaa Yukireen irratti geggeessame. Kun nu mudatee jiru kana dha. Kun waraansa Raashiyaa fi Yunaayitid Isteetis gidduutti geggeessamaa jiru miti. Jechi akkanaa waan haala yeroo ammaa lafatti mul’atu wajjiin wal-simatu miti,” jedhan – Ambaasaaddar Liindaa Toomaas Griin Fiild.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG