Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ambootti Namnii Ajjeefame, Manni Hidhaa Gubate. Harargee Bahaa Gaara-Mul’ataatti Namoota Lama Tu Ajjeesame. Arsii Lixaatti Mormii Jabaa fi Naqamteetti Immoo Dhukaasa tu Jira, Jedhame


Mana hidhaa magaala Amboo keessatti harra gubate
Mana hidhaa magaala Amboo keessatti harra gubate

Arsii Lixaa, aanaa Shaashemannee keessatti har’a mormiin itti fufuu isaa dubbatu, jiraattonni aanichaa. Keessumaa, gandeen baadiyyaa aanichaa akka Tirufee, Shagullee, Boorataa fi Shashaa keessatti barattoonnii fi jiraattonni itti fufuudhaan, garii keessatti waajiraalee bulchiinsa gandaa gubuu fi mancaasuu isaanii dubbata.

Bakka itti hiriira mormii dheengaddaa irratti humnoonni mooutmmaa namootatti dhukaasanii yoo xiqqaate barsiisaa tokkoo barataa tokko ajjeesan, jedhame, Kofalee fi naannoolee itti loltoonni mootummaa g yoo xiqqaate shan ajjeesamanii fi 11 madeessaman, jechuun jiraattonni dubbatan – magaalaa Ajjee, akkasumas, Shaallaa fi Abaaroo keessatti ittii mormiin itti fufee jira – jedhu, jiraattonni. Waraanni mootummaa Kuyyeeraa keessa akka buufatee jiru illee dubbatu.

Gama biraatiin, dubbi-himaan mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa, Obbo Getaachew Raddaa, har’a Raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin gaaffii fi deebii geggeessan keessatti, sochiin Arsii Lixaa keessaa gaaffii uummataa naannollee biraa keessatti ka’e irraa adda. Garee gurmaawee hidhate tu, oyruu fi bosonaa gubuun dhaabbattoota adda addaa mancaase. Isaan kun uummata oromoos bakka hin bu’uu jedhan

Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Amuruu, magaalaa Oborraa keessattii Kibxataa fi Roobii dabre fi aanaa Jaardagaa Jaartee, magaalaa Aliiboo keessatti immoo Kamisa Kaleessaa barattoonnii fi jiraattoonni hiriira mormii geggeessuun, barattoonni fi namoonni ka biron hidhaman akka hiikaman, barattootaa fi hiriirtota kaan kanneen ajjeesan akka seeratti dhihaatan, gumaan warra ajjeesamaniis akka kafalamu gaafachaa turan, jedhu jiraattonni aanaalee sanaa.

Magaalaa Amboo keessatti barattonni mana barumsaa sadarkaa duraa Awaaroo fi mana barumsaa sadarkaa lammaffaa har’a ganama hiriira nagaa kan ba’an yoo ta’u humnootiin Federaalaa dhukaasa bananiin barataa umriin 9 ajjesuu fi obboleetti isaa kan umriin 11 yeroo obboleessa ishee kaasuuf itti gad jettu rasaasaan haleelanii madeessuu jiraattonni ibsanii jiru.

Sana booda magaalatti keessatti muddamsi hamamatee mana hidhaa Amboo keessatti dhukaasii eega dhaga’amaa turee booda, manni hidhaan guddaan magaalattii keessaa gubachuu isaa jiraattoota keessaa ibsanii jiru. Kanneen hidhaa keessa jiran haala akkamii keessa jiran wanni beekame hin jiru. Maatiin hidhamtootaa itti deemuu yaalaniis dhukaasii irratti banamee kan ari’aman ta’uunis ibsamee jira.

Harargee Bahaa aanaa Giraawaa fi naannoo Gaara-Mullataatti jiraattotii hiriira bahanii mormii isaanii himatan. Hiriira Giraawaa irratti akka jiraattotii jedhanitti namoota lama, obboo Saafii Abrootii fi Mahaadii Saamii faati ijjeefame jedhama. Akka jiraattoti jedhanitti naannoo Giraawaatti ummatii guyyaa afur wal faana hiriira bahuutti jira.Waan gaafatan keessaa warri nama fixe seeratti akka dhiyaatu, barattooti, qonnaan bultootaa fi Oromootii seera malee hidhaman akka hidhaa bahan, gumaan warra dhumatee akka bahuu fi gaafilee gara garaati. Ummatii naannoo Gaara-Mullataalleen hardha hiriira bahee mormii isaa himate.

Magaalaa Naqamtee keessatti guyyaa har’aa humnoonni mootummaa dhukaasa banuu isaaniif uummati akkaan rifachuu isaa jiraattonni magaalattii nuuf ibsanii jiru. Humnoonni mootummaa kun garaadhaan lafa ciisanii gara uummataatti ennaa dhukaasan ijaan argine kanneen jedhan jiraattota magaalaa Naqamtee keessaa tokko.

Gabaasa Guutuu
please wait

No media source currently available

0:00 0:24:11 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG