Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaa Fi Chaayinaan Hariiroo Waraana Giduu Isaanii Cimsuuf Marii Jalqaban


Hariiroo sadarkaa ol aanaa chaayinaa fi Ameerikaa gidduu cimsuun bala walitti bu’iinsa akka tasaa uumamu gad xiqqeessa jechuu dhaan ministeerri ittisaa US Jim Mattis gita isaanii kan chainaaf ibsanii jiran.

Mattis fi General Wei Fenghe konfrensii naga eegumsaa Asia kan Singaapor keessatti geggeessamuu fi harooroo waraanaa fooyyessuu irratti fuuleggate irratti wal arguun mari’atan. Mariin sana irraa garuu walii galtee haaraan argame hin jiru.

Hariiroon waraanaa Washington fi Beeijing gidduu jiru sababaa waraana daldala irratti ka’een torbanneen dhiyoo laaffataa adeeme. US waraanni Chaayinaa Raashiyaa irraa meeshaa waraanaa bitachuu ishee fi Beeijing galaana chaayinaa kibbaatti maadhee tolchuu isee ilaalchisee uggura irra keessee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG