Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeeronni Haajaa Alaa Ameerikaa fi Raashiyaa Dhimma Yukireen Irratti Mari’atan


Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliiken gita isaanii Raashiya Sergeey Laavroov harka yeroo fuudhan, Amajjii 21, 2022
Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliiken gita isaanii Raashiya Sergeey Laavroov harka yeroo fuudhan, Amajjii 21, 2022

Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliiken wal ga’ii daqiiqaa 90f ministrii dhimma alaa Raashiya Sergeey Laavroov waliin Jeneva keessatti geggeessan xumuranii jiran. Angawoonni Yunaayitid Isteetisii fi Raashiyaa gidduutti dhiyeenya geggeessame isa arfaffaa ta’uu isaa ti.

Jimaata har’aa marii isaanii jalqabuu dura yaada kennaniin gam lamaanuu itti milkaa’u jedhnii akka hin yaadne ibsaniiru. Laavroov duraan ibsa kennaniin, Yunaayitid Isteetis yaaddoo Raashiyaan qabduuf deebii ga’aa ta’e ni kenniti jedheen abdadha jedhan.

Biliinken akka jedhanitti Yunaayitid Isteetis diplomaasii fi marii geggeesiif cicha qabdi, garuu yoo Raashiyaan Yukireen irratti haleellaa oofti taanaan, deebii qindaa’ee fi hatattamaa kennuufis kutattuu dha jedhan.

Warreen gama dhiyaa, Raashiyaan loltoota ishee fi meesha waraanaa ishee naannoo daangaa Yukireen irraa akka fageessitu kan barbaadan yoo ta’u, Mooskoon immoo NATOn sochii Awrooppaa bahaa fi giddu kaleessa keessaa akka gad xiqqeessu akkasumas wal ga’iinsi waraana gama dhiyaa miseensummaa Yukireen fudhatama akka dhabsiisan dhiibbaa gochaa jirti.

Yunaayitid Isteetis fi michoonni ishee Raashiyaan Yukireeniin weerarti taanaan gatii guddaa kan ishee baasisu ta’uu isaa Blinken kaleessa dhaadatanii jiran. Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadimir Putin garuu amma iyyuu kan hammaataa adeeme muddama Awrooppaa gama bahaa keessaaf furmaata dipomaasummaan filadha jedhan.

Blinken gama isaaniin yoo waraanni Raashiyaa naannoo daangaa Yukireen sosso’a ta’e, Yunaayitid Isteetis michoota ishee waliin ta’uu dhaan deebii saffisaa fi ka qindoominaa cimaa ta’e kan kennitu ta’uun ifaa dha jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG