Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hookkarri Sukaneessaan raawwatamu iyyuu Ameerikaan addaan hin qoodamne jedhan Prezidaant Obaamaan​


Hookkarri Sukaneessaan raawwatamu iyyuu Ameerikaan addaan hin qoodamne jedhan Prezidaant Obaamaan​, Adooleessa 11, 2016
Hookkarri Sukaneessaan raawwatamu iyyuu Ameerikaan addaan hin qoodamne jedhan Prezidaant Obaamaan​, Adooleessa 11, 2016

Prezidaant Obamaan gumii hoogganoota NATO kan Waarsaw irratti haasaa dhageessisaniin yaadi hookkara suukanneessaa torban kana mudate ilaalchisuun dhiyaate kan kun mallattoo Ameerikaan bara dukkanaa kan waggoota 50 duraatti deebu’uu isheeti jedhuu fudhatama dhabsiisasn. Akka hagi tokko jedhan Ameerikaan addaan hin hiramne jedhan.

Haleellaa torban kanaa bood lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalta Afriikaa fi lammiiwwan Ameerikaa warren adii biratti aarii kan dhaqqabsiise enaa ta’u poolisoota ajjeefamanii fi siivilota Louisiana fi Minnesota keessatti ajjeefamaniif gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

miseensota garee waa’een lubbuu Mnuti taaneef nuti farra poolisii taane jechuu miti jedhu.

Ameerikaa keessaa gareeleen kan uummati inni kaan yaadutti ala yaada ka biroo qaban ni jiran. Gareen leellistoonni mirga namaa Daalas keessatti argamu kan Huey Newton Gun Club jedhamu paartii leellistoota gurraachaa kan bara 1960 Panther Party jedhammuutiin moggaafame.

Miseensota kana keessaa tokko akka jedhanitti jara kana hin balaaleffadhu jechuu koo miti. Garuu kan ani dhugumatti sitti himuu danda’u maaliif akka inni dhukaasa sana raawwate nan hubadha. Sababiin isaas ajjeechaan uummataa gurraacha, hiyyeessaa fi ka biroo utuu hin taane ajjeechaan guutummaa US keessaa akka dhaabatu barbaada.

Hundeessaa Clubii kanaa kan ta’an Yafehu Balogun akka jedhanittti namni meeshaa waraanaa hidhate carraa uummata dhageettii hin qabnetti qiyyaafati akka kennamu gochuuf yaaluun nama gaddisiisa jedhan.

President Obamaa fi bulchiinsi isaanii utuu aangoo hin gad dhiisiin ykn kan isaan bakka bu’us yoo ta’e qiyyaafata itti kennuu dhaan addumaan waa’ee dhimma kanaa jechuun waa’ee gocha gara jabina poolisii akkuma nuti jenne shorokeessummaa poolisii kana maal na dhibdeen ilaalamuu isaa ilaalchisee waa tokko gochuu qabu jedhaniiru.

President Obamaan tuuta oduuf Warsaw keessatti ibsa kennaniin torban dhuftu angawoota poolisii fi hoogganoota mirga namaa waliin White House keessatti wal ga’uu dhaan attamiin Ameerikaa tokkoomsanii fuula duratti tarkaanfachuun akka irra jiraatu mari’achuuf karoorfachuu isaanii dubbatanii jiran.

Hookkarri Sukaneessaan raawwatamu iyyuu Ameerikaan addaan hin qoodamne jedhan Prezidaant Obaamaan​
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:32 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG