Haasaa Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Doonaald Tiraamp Kibxata kaleessaa galgala mana maree waloo Kongireesiif dhageessiisanin “jeequmsi xiqqoon ni jiraata, garuu haala gaariirra jirra,” jedhan . Tiraamp tarkaanfiiwwan jalqabaa bulchiinsi isaanii birookiraasii hir’isuuf fudhate, michoota daldalaa Ameerikaa dhiyoo ta’an irratti taarifa cimaa ajajuu, fi Yuukireen weerara Raashiyaa irratti taasiifame waraanuu akka dhaabduuf dhiibaa irratti taasiisuu dabalatee kan dubbatan.. Yeroo Tiraamp dubbatanitti Dimookiraatonni ilaalanii mormii isaanii ifa godhaniiru.
Haasaan Tiraamp Kibxata galgala taasisan erga marsaa lammaffaa prezidaantummaa isaanii Amajjii 20 jalqabanii as walgahii waloo Kongireesii irratti haasaa isa jalqabaati. Dubbii isaanii turtii sa’aatii tokkoo fi daqiiqaa afurtama fudhate kan jalqaban akkas jechuun:- “Ameerikaan sochiin ishee deebi’eera. Hafuurri keenya deebi'eera. Boonuun keenya deebi'eera. Ofitti amanamummaan keenya deebi'eera. Abjuun Ameerikaa immoo ol ka’aa jira—yeroo kamiyyuu caalaa guddaa fi fooyya’aa dha.” Jedhan.
Pireezidaantichi dubbii isaanii dhageessiisuu yommuu jalqabaniti warri Rippaabilikaanii lafaa ol ka’anii harka yommuu walitti rukkutaniif , dubbii isaanii dhageessiisuu jalqabanii daqiiqaa Shaniin booda bakka bu’aan paartii Dimookiraatotaa Al Giriin kan Teeksaas, Tiraamp caqasee, “Meedi keeyid kutuuf aangoo hin qabu,” jechuun iyyuu jalqaban.Meediidkeeyid sagantaa gargaarsa mootummaa kan tajaajiia fayyaa namoota galii gadi aanaa qabaniif taasifamuu dha. Mormii isaanii kana lafaa ol ka’anii dhageessisaa kan turan bakka bu’aan Dimookiraatii kun Afaan yaa’ii mana mareetiin akka galmicha gadhiisanii ba’an ajajni itti kennameen galmicha keessaa baafamaniiru.
Tiraamp taarifa cimaa Kibxata darbe Chaayinaa, fi ollaa Yunaaytid Isteetis Meksikoo fi Kanaadaa irratti tuman ibsaniiru. Michoonni daldalaa Yunaaytid Isteetis. olaanoo sadan kun haaloo ba’uuf doorsisuun, dhaamsa sodaa waraana daldalaa haaraa gidduutti gabaan maallaqaa akka kufuu taasiisee jira. Dhimma kanarratti dubbii isaanii keessatti akkas jechuun kan Ibsan pireezidaantichi :- ''Jeequmsi Xinnoo ni jiraata, garuu gaarii jirra, Baay’ee hin ta’u.”
Forum