Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Embaasii Ishee Har’a Jeerusaalemitti Jijjiirte


Yunaaytid Isteetes har’a ifatti Embaasii Ishee Tel Aviv keessa ture gara JerusaleemtTi jijjirtee jirti

Guyyaa har’a yoo xiqqaate Falisxinonni 41 ajjefamanii kanneen dhibba hedduun walitti bu’iinsa uumameen mada’an.

Kunis humnootii Israa’eel waliin nannoo daangaa galoo Gaazaatti walitti bu’iinsa uumameen ta’uun ibsamee jira.

Hiriirrii hokkaraan guutamee lafa itti gaggeeffamu irraa fageenya kilo meetra 100 lafa hin guunnetti aangawoonni Amerikaa fi kan Israa’eel Jerusaaleem keessatti Embaasiin yeroo banamu walitti qabamanii turan.

Mootummonni addunyaa irra jiran Embaasiin Amerikaa Tel Aviv keessaa akka hin baane kanbarbaadan ta’uus prezidaant Traamp baatii Muddee darbe ta’u qaba jechuun diddaa agarsiisan.

Biyyonni hedduun amma iyyu Embaasii ofii Tel Aviv keessaa qabu.Sirna kana irratti kan argaman soddaan Traamp jared Kushner gorsaa waayit Haawuus fi akka jila Amerikaatti sirna kana irratti argamanii jiru.

Kushner haasawaa dhageesisaniin prezidaantoonni Amerikaa duraan turan Embaasii kana iddoo isaa jijjiruuf imaammata yeroo dheeraaf ture fixaan baasuu manna duubatti deebi’an.

Traamp garu waan jedhee hojii irra oolchee jira jechuun abbiyyuu isaa faarse.

Traamp Israaeel fi Falisxinoota giddutti nagaan waariinsa qabu akka argamu gochuuf cichii Amerikaan qabdu kan itti fufuu ta’u Prez Traamp dubbatanii jiru.

Israa’elitti ambaasaaddora Ameerikaa kan ta’an David Friedman embasiin kun gamasitti banamuu galateeffataniiru.

Ameerikaan Embaasii Ishee Har’a Jeerusaalemitti Jijjiirte
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:29 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG