Xurree ittiin seenan

Breaking News

Himannaa Ameerikaan Filannoo Ithiyoophiyaa Gidduu Seente Jedhu Embaasiin Biyyattii Ni Haale


Embaasii Ameerikaa Kan Finfinnee
Embaasii Ameerikaa Kan Finfinnee

Xumura torban darbee Meqelee keessatti waltajjii marii qophaa’e ilaalchisee gabaasa VOA bu’uura godhachuu dhaan Finfinneetti kan argamu dubbi himaa embasii Ameerikaa Iskindir haasofsiisee jira.

Namoota siyaasaa hanga tokko keessumaa bulchitoota TPLF-n ibsamaa kan ture dhimmi giddu seeninsa alaa Ameerikaa maqaa dha’uutti kan ga’e ture waltajjiin Meqelee sun.

Marii kana irratti waraqaa qorannaa kan dhiyeessan miseensi bulchiinsa IHADEG duraanii obbo Bereket Simoon biyyattii keessatti mul’ataa kan jiru tasgabbii dhabiinsaaf jiddu seeniinsa alaa akkaan dabaluu isaa ti jedhanii biyya maqaa dha’an garuu hin qaban.

Miseensi bulchiinsa TPLF fi IHADEG duraanii obbo Sibhaat Naggaa garuu Ameerikaa maqaa dha’an. Dr. Abiy Ahimed dura taa’aa paartii biyya bulchuu fi muummicha ministeera biyyattii ta’anii filannoo mana marii IHADEG kan Bitootessa 2 bara 2010 harka Ameerikaatu keessa jira jedhan.

VOA dhaaf deebii kan kennan embasii Ameerikaa Finfinnee jirutti dubbi himaa kan ta’an Nikolaas Bernett gabaasa biyyi isaanii maqaa itti dha’amte yaada embsaasichaa ofitti haammachuu qaba ture jedhan.

Kanas ta’ee Ameerikaan Dr. Abiy akka filataman gochuuf gidduu hin seenne jedhan.United States adeemsa filannoo muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa keessa harka galfatte jechuun yaadi kennamu kami iyyuu guutummaa dhaan hundee kan hin qabaannee dha.

Yaadawwan akkasii amanamummaa fi kabajaa uummata Itiyoophiyaa kan xiqqeessanii dha. United States qajeelfamaanis haa ta’u gochaan abbaa biyyummaa Itiyoophiyaa fi uummati ishee mirga isaan hoogganoota ofii filachuuf qaban ni kabajji. Muummichi ministeeraa Abiy dura taa’aa IHADEG ta’anii filatamuu isaanii, dimokraasii hirmaachisaa ta’e kan mirgi uummataa ittiin eeguamuu fi carraa dinagdee martinuu ittiin fayyadamu akka jiraatuuf akka calaqaee gaaffii uummata Itiyoophiyaatti ilaalla jedhaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG