Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Har’a Guyyaa Yaadannoo Goototaa Kabajjee Oolte


Ameerikaan Har’a Guyyaa Yaadannoo Goototaa Kabajjee Oolte
Ameerikaan Har’a Guyyaa Yaadannoo Goototaa Kabajjee Oolte

Guyyaa har’aa lammiiwwan Ameerikaa kanneen waraana US keessa utuu tajaajilanii lubbuu isaanii wareegan kabajaan yaadatu. Waraana namoonni akkasii keessatti wareegaman keessaa tokko waraana Veetraam.

Ameerikaan Har’a Guyyaa Yaadannoo Goototaa Kabajjee Oolte
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:51 0:00

Magaalaaleen guutummaa Ameerikaa keessa jiran immoo gootota magaalaa isaanii irraa bara 1776 ennaa warraaqsa Ameerikaa qabee duula irratti bobba’anii wareegaman kabajaan yaadatanii oolu. Ayyaana goototaa kana irratti kanneen waraana Veetnaam irratti wareegaman yeroo hedduu qiyyaafata addaa argatu.

Loltoonni Ameerikaa humnoota Veetnaam kibbaa kanneen kan koominitii ta’an humnootii Veetnaam kaabaa waliin ta’uu dhaan lolatti bobba’an. Waraana Veetnaam irratti lammiiwwan Ameerikaa kuma 58 ta’antu wareegaman.

Kaaptaainii waraana Ameerikaa duraanii kan turan Guy Gruteers akka jedhanitti waraana sana fedha isaanitiin irratti bobba’a kanas kan godhan Kominisimiin akka hin babal’anne ittisuu waan barbaadaniif jecha. Jalqaba bara 1967mootaa keessa Gruters Veetnaamitti ergaman gurmuu loltootaa 400 waliin balalii gama Veetnaamitti geggeessaniin yeroo lama xayyaarri isaanii rukutamee kufe.

Gruuters akka jedhanitti Yeroo jalqabaa namoota gootota ta’an kan garee Helikoptera maqaa “Jolly green “ jedhamuun beekamu balalsiisaniin baraarame. Yeroo lammataa garuu Veetnaam gama kaabaa keessa martinuun keenya qofaa ofii turre. Yeroon gara halkaniitti siqaa ture. Muka jala dahadhu argadheen daqiiqaa 45f utuu hin qabamin ture jedhan

Achumaan lammata irratti waraana Veetrnaam gama kaabaan qabamuu isaanii dubbatu Gruters. Erga qabamanii booda jalqaba ganda tokkotti geessuu dhaan booda irra waaltaa itti hidhaman kan Hanoi keessaatti geessaman. Torban tokko booda miseensota waraanaa kanneen biroo 12 waliint a’uu dhaan mooraa hidhamtoota waraanaa “Hanoi Hilton” jedhamutti geessaman.

Gruters waa’ee mooraa Sanaa ennaa ibsan,

Bakka sanatti, odeeffannoo waraanaa argachuuf darararaan keessatti raawwatama jedhu.

Prezidaant Doonaald Traamp hara’a dubartootaa fi dhiirota biyya isaanii utuu tajaajilanii wareegaman kabajaan yaadanna jechuu dhaan ergaa twitter irratti maxxansanii beeksisan. Galatoomaa jechuu dhaan maatii keessanii fi Ameerikaa Waaqayyo haa eebbisu jedhan. Ameerikaan biyya walabaa ta’uun ishee sababaa goototaaf kan jedhan Traamp VA Arlingtonitti kan argamu bakka awwaalcha loltootaa Arlington Natinal Cemetery jedhamu irra har’a gara boodaa dararaa kaa’uuf jiru.

XS
SM
MD
LG