Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Sababaa COVID-19n Uggura Imalaa Keesse Kaaste


Buufata xiyyaraa Charles De Gawulee keessa namoota gara Niwu Yoorki imalan, Sadaasa 8. 2021
Buufata xiyyaraa Charles De Gawulee keessa namoota gara Niwu Yoorki imalan, Sadaasa 8. 2021

Yunaayitid Isteetis uggura imalaa ennaa weerara vaayiresii koronaa keesse, waggaa tokkoo fi walakkaa booda ka’ee jira. Imaltoonni naannoo addunyaa jiran kanneen talaallii fudhatan imala gara Yunaayitid Isteesitti geggeessan itti fufuu kan danda’an ta’uun ibsamee jira.

Weerarri vaayiresii kanaa imalaa fi bashannana bira taree waaltalee hedduu irratti dhiibbaa fideen dinagee Ameerika miidhee jira.

Koolejii korneelitti profeesora barnoota ikoonoomiksii fi bizinesii kan ta’an Todd Knoop akka jedhanitti ennaa uummati imala geggeessuu xiqqeessanii fi dabalan, gatii boba’aa fi meeshaalee dheedhiii kanneen biroo irratti dhiibbaa guddaa qabaata, Dinagdee damee maraa illee ni miidha jedhan. Industriin tuuriizimii cimaan Yunaayitid Isteetis keessaa waaltaaleen kun akka biyyoota ka biroo tuuriizimii alaa irratti hundaa’anii akka hin miidhamne gargaaree jira jedhan.

Wixata har’aa, Yunaayitid Isteetis daangaa ishee dachii kan Meeksiikoo fi Kanaadaa imaltoota talaallii vaayiresii koronaa fudhataniif kan bantu ta’uu beeksistee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG