Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Talaalii Miliyoona 25 Afrikaaf Kennuuf Jirti


Prezidaatiin Yunaatid Isteetis Joo Baayiden talaalii Koovid 19 ittisuu “Faayizer” jedhamu miliyoona dhibba shan dabalataan biyyoota dhibba tokkoof kennuuf waadaan seenan baatii Hagayyaa irraa jalqabee akka hojii irraa oolfamu himamee jira.

Talaalii Koovid 19, Yunaayitid Isteetis Afrikaaf gumaachitu ilaalchisee karaa marsaa Interneetii marii Embaasii Yunaayitid Isteetis kan Itiyoophiyaa jiruutti geggeessameen Yunaayitid Waahiloota ishee waliin tahuudhaan biyyoota Afrikaatiin talaalii gara miliyoona digdamii shanii ka raabsaa jirtu tahuu ka dubbatamee jira.

Kanas miniatirii Dhimma alaa Yunaayitid Isteetisitti Qindeessituun Dhimma Deebii Sadarkaa Addunyaa Yunaayitid Isteetis Kovid 19f kennituu fi nageenya Fayyaa – Geel Ismiiz tu ibse.

kan baatii Hagayyaa dhufu raabsamuu eegalu irraas Afrikaan talaalii hedduu akka argattu dubbatan.

Dhimmoota Afrikaatti,Ministarri gargaaraan Ministara Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Akkuunaa Kuukis, “gargaarsi talaalii sadarkaa addunyaa Yunaayitid Isteetis Afrikaa kennitu nageenyi isaa kan mirkanaa’e” jedhan. Gabaasaa Kenedii Abaatee Finfinnee irraa ergecaqasaa

Ameerikaan Talaalii Miliyoona 25 Afrikaaf Kennuuf Jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:45 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG