Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yukreeniif Meeshaa Waraanaa Dabalataan Laanna: Baaydiin 


FAAYILII - Prezidaantii Yunaaytid Isteetes, Joo Baayden waajjira isaanii Ovaal oofis keessatti Caamsaa 31, 2021
FAAYILII - Prezidaantii Yunaaytid Isteetes, Joo Baayden waajjira isaanii Ovaal oofis keessatti Caamsaa 31, 2021

Yukreeniif caasaa Rokeetaa ammayyummaa qabuu fi meeshaalee waraanaa kanneen biroo dabalataan kennuuf murteessuu isaanii prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Kibxata kaleessa beeksisanii jiru.

Kunis weerara Raashaa Yukreen irratti bantee baatii 4ffaa qabatee yeroo jiru kanatti, Yukreeniin gargaarsuuf yaalii ta’uuf akka ta’e ibsan.

Gaazexaa Niiw Yoork Taayims irratti fedhii isaanii kan barreessan prezidaant Baaydiin, Amerikaan Yukreeniif meeshaa waraanaa fi rasaasa kennuun ishee dirree waraanaa irratti ejjennaa qabdu ibsuuf akkasumas dhuma irrattis marii nageenyaa Raashaa waliin gaggeessuu akka ta’e ibsan.

Caasaa Rookeeta kan Raashaa seenee haleeluu Yukreeniif ergaa hin jirru kan jedhan Baaydiin Raashaa waliin wal waraansa keessa seenuu hin fenuu jedhan.

Dhaabati oduu Asoosheetid Prees angawaa gameessa bulchiinsa Baaydiin keessaa waabeeffachuun akka gabaaseetti, meeshaan waraanaa Yukreeniif ergamu maal akka of-keessaa qabu Robii har’a ilaalamuuf jira.

Kunis rookeeta fageenya giddu galeessaa kan hanga kilo meetra 70 ta’u furguggiifamu ni qabaata jedhanii Yukreen waraanni ishee daangaa ce’uun lafa Raashaa irratti rookeeta akka hin darbannee mirkanii kennaniiru jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG