Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaa fi Chaayinaan Karoora Haaraa Labsan


Kan addunyaa irratti dinagdee fi faalama qilleensaa guddaa qabaachuun beekaman Yunaaytid Isteetes fi Chaayinaan Kibxata kaleessaa,jijjirama qilleensaa kan ilaaleen adda addatti kan labsan qabu.

Prezidaantiin chaayinaa Jii Piing biyyii isaaanii humna cilee guubuu maddisiistu biyya alaa keessatti hin gaggeessuu jedhan.Chaayinaan kana gochuun ishees waggootii lamaan walitti aananiif qilleensa naannoo kan ilaaleen walgahii Tokkummaan Mootummootaa gaggeessu irratti ajaa’ibsiifannaa argamsiseefii jira.

Prezidaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baaydiin biyyoota hiyyeeyyiif gargaarsa maallaqaa kennamuu dachaan dabaluun bara 2024tti Doolaara Biliyoona 11.4 kennuuf karooroorfamuu isaa eega labsanii booda Chaayinaan immo kana beeksiiftee.

Maallaqii kunis biyyoota ho’a qilleensa addunyaa akka hin hammaannee gochuuf hojjataa jiran tooftaa faalama qilleensaa hin fidneetti akka jijjiran gargaaruuf oola jedhamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG