Joe Biden nama ganna 78ti, bara hedduu senetera Amerikaa tahee hojjachaa bahe. Itti aanaa pirezidaanti Obaamaa tahee ganna afur biyya bulchan.
Itti aantuu isaa,Kamala Harris waliin Ammajii 20 Amerikaa bulchuuf kakatanii hujii jalqbuuf kurfoo jiran.
Eeegii Ammajii 6 irratti warrii pirezidaanti Tiraampi deeggaru filannoo Amerikaa mormee kongireessi Amerikaa duudee waan hedduu caaccabsee nama hedduu rifachiise namilleen harka isaanitti du’e ammallee godina Amerikaa 50tnu qawwee guurratee namii hiriira mormii bahuuf karoora qaba.
Washington,DC fulaa pirezidaantiin haarahii itti kakatu US Capitol,eegumsa jabaatti dira. Dallaa itti jaaranii waraana kuma hedduutti eeguutit jira.
Akka kanaan waraana kuma 21 caaluutti lafa eeguutti jira karaa hedduu cufan.Guyyaa pirezidaantii kakatu akkanaaa durii nama kuma dhibba hedduu haga miliyoona 1-2 tahutti itti dhufan jedhan amma namuma diqqaatti itti dhufa.
Warrii akkana hiriira bahe kun miilota pirezaanti aabba Doonald Tiraampi gargaaree filannoon Amerikaa ta baranaa seera hin guunne jedhe.
James Murray daarketer Amerikaa nagaa eeguu Secret Service,akka nagaa lafaa itti eegannu abdii guddoo irraa qaba taatullee waan duriillee irraa barannee ufi biyya teenna eeganna jedha.
Akka itti aanaan pirezidaantii Amerikaa Mike Pence jedhetit bulchiinsii Tiraampi mootummaa karuma qajeelaa fi nagaa qabuun itti ufi irraa kenna jedhe.