Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Guyyaa Galataa,Thanksgiving irraa baatee guyyaa gabayaa, mi’a rakasaan namaan guguran,Black Friday keessa jirti


Black Friday at the Tysons Corner Center
Black Friday at the Tysons Corner Center

Kalee Amerikaatti Guyyaa Galataati,Thanks giving.Guyyaa akkana bara 1620 keessa warrii lafa jiituu abuurachuu ykn bardaada yaa’u daarii Amerikaa gahee qubatee warra lfaatiin wal baratee midhana galfatee irraa bahee jennaan waliin galateeffachuuf waan qaban waliin sooratan.

dhufe midhaan galfatanii irraa bhanii jennaan waan qaban waliin sooratan. Achumaan amalleeffatanii pirezidaantotii Amerikaalleen seera itti baasanii aadaa tolfatanii gannuma gannaan torbaan abreessoo Sadaasaa keessa ulfeeffatan.

Guyyaa akkana kana Turkey miliyoona hedduu qalatanii firaa fi fiixaa,dhalaa fi hariyaan itti wal yaaman.

Hardha ammo guyyaan guyyaa gabayaati. Gabayaa waan hedduu raksaan bitatan.Keessattu dhaabbileen gugurdoon mi’a isaanii gatii akka malee laaftuutiin yo tokkoo tokko harka 50 caalaa irraa bu’anii gurguran.

Dhaabbilee daldalaa gugurdoo Walmart Inc haga Best Buy fi dhaabileen hedduun hardha tanatti jiran.

Nami qara koronaa mana oolulleen amma gabayaa tanatti jiran namuu oowwa nafaa laalanii walti gadi lakkisan.Waan bitatu tuulatee bitatee gadi yaa’a.

Walmart fi Best Buy fi Target,Kohls barraaqaanuu gabayaaf balbala banatanii namuu rakasa irratti wal saama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG