Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Kanneen Wareegamaniif Yaadataa Jirti


Pirezdaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baayden abaaboo kabajaa bakka siidaa awwaalaa loltootaa yeroo olkaahan, Varjiiniyaa, Caamsaa 30, 2022
Pirezdaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baayden abaaboo kabajaa bakka siidaa awwaalaa loltootaa yeroo olkaahan, Varjiiniyaa, Caamsaa 30, 2022

Yunaaytis Isteetes keessatti baatii caamsaa keessatti wiixatnii inni dhumaa guyyaa yaadannoo dhiiraa fi dubartoota waraana biyyatti ta’uun ituu tajaajiilanii weereegamantu ta’uun yaadatama.

Ayyaannii yaadannoo inni baranaa Caamsaa 30 Irra kan oolee sadarkaa mootummaatti kan kabajamuu yoo ta’u gabaan daldala maallaqaas cufamee prezidaantiin Amerikaa Joo Baaydiin, awwaala gootoota Amerikaa kan biyooleessaa isa Arliingtan jiru keessatti sirna yaadannoo gaggeeffamu irratti argamuuf jira.

Bakka awwaala lotloota Ameerikaa waraana irratti wareegamanii, Liivwoorzi jedhamu, Caamsaa, 29, 2022, Kaansas
Bakka awwaala lotloota Ameerikaa waraana irratti wareegamanii, Liivwoorzi jedhamu, Caamsaa, 29, 2022, Kaansas

Ayyaana kana sabaeeffachuudhaan hiriirrii magaala Waashiingtan keessatti kan gaggeeffamu yoo ta’u lammiwwan Amerikaa hedduun lafa awwaala gotootaa wareegamanii daawwachuun akkasumas iliillii ykn Abaaboo awwaala isaanii irr ka’uun yaadatu.

Guyyaa akka har’a kanatti kanneen gurmuun ta’anii biskileeta motaraa ykn doqdoqqee ofuun yaadachuun akka adaa tti ilaalama.Barana garuu gadamoojjilee waraanaa kanneen ofii isaanii of ajjeesan kan ilaaleen waan hojjatamuu qabu irrattis fuleeffatan.

Maatii hedduunis akka maatitti waliitti qabamuun baatiin bonaa seenuu isaa simatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG