Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan qorsaa COVID-19 haaraa Pfizer fi BioNtech waliin hojjatan namaan wallaanuutti jirti qaraa hojjattoota fayyaa isiitiin akiman


Sandra Lindsay, left, a nurse at Long Island Jewish Medical Center, is inoculated with the Pfizer-BioNTech COVID-19 vaccine by Dr. Michelle Chester, Dec. 14, 2020, in the Queens borough of New York.

Amerikaan fulaan fulaa itti akimatan 400 caalaa qopheeffatee nama isii akimachuutti jirti.Godinii cuftii qorsa dhaabii Pfizer hojjate kana qoodachuutti jiran.Qorsii dhaabii Moderna hojjatelleen dhufuutti jira.

Nama qaraa qorsa kana waraannatee, narsii New York ka warra akka lubbuu jiru wallaantu, Sandra Lindsay.

Limmee koronaa ka qaraa kunoo yaayuu waraanne.Amerikaa baga gammadde! jedhe pirezidaanti Tiraampi Tiwwter ufii irratti.

Qorsa Koronaa kana mi’a akka malee akka malee qabbaneessuu ka qabbantii isaa digrii -70 dhiyaattu keessa kaahuu qaban.

Sanbata guddaa warshaa dhaaba qorsa Faayzer Kalmaazoo Mishigan jiru keessaa fa’anii geejjiba xuyyuuratti guuranii biyyaan reebanii godina Amerikaa 50tu dabran.

Pfizer qorsa kana dhaaba Jermen,BioNTech waliin hojjattatan.Akkana jedhe itti gaafamtamaan damee fayyaa Amerikaa, Alex Azar jedhetti “Duulii Tiraampi akka bubbee bubbisu yaayyuu qorsa ajaahibaatiin nuu dhufe.”

Amerikaatti COVID-19 nama kuma 300 caalaa galaafate nama miliyoona 16 fi kuma 200 irratti argan.

Yaadawwan Ilaali (4)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG