Raashiyaan biyya ollaa ishee Yukreeniin ni weerartii taanaan, waan hamaan kan ishee eeggatu ta’u ministeerrii haajaa alaa Amerikaa Antoonii Bliikan gita isaanii kan Raashiyaa akeekkachiisanii jiru.
Wal dhabdee biyyoota Awuroopaa gidduu jiruuf furmaata karaa diploomaasii barbaadaa jechuun gaafatn Bliinkan.
Bliinkan gita isaanii kan Raashiyaa Sargee Laavroov kan akeekkachiisan lameenuu guyyaa lamaaf Stookoolm keessatti eega wal arganii booda yoo ta’u, kunis Raashiyaan yoo Yukreeniin weerate Amerikaan tarkaanfii fudhachuuf murattu ta’u
Ministeerri haajaaalaa Raashiyaa serge Laavroov Moskoo keessatti tuuta oduuf akka ibsanti, Raashiyaan Yukreen waliin dubbachuuf qophii dha jedhan.Akka prezidaant putiin jedhan sana nutii walitti bu’iinsa tokko iyyu hin barbaannu jedhan.
Dubbii himaan masaraa Kreemliin Dmatrii Peskov akka jedhanti, tarkaanfii tuttuqqaa jabaa fi wal irraa hin cinnee kan Yukreen naannaa daangaa Raashiyaa waliin qabdu irratti gochaa jirtu, kan yaaddoo uumee fi dinummaa hammeessuu malu jedhan.