Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Somaaliyaaf Deggersa Akka Laattu Beeksiiftee Jirti


FAAYILII - Humnoota nagaha eegumsaa Gamtaa Afrikaa, Camsaa 15, 2022
FAAYILII - Humnoota nagaha eegumsaa Gamtaa Afrikaa, Camsaa 15, 2022

Yunaaytid Isteetes nageenya, araaraa fi jijjiirama somaaliyaa keessaa kan ilaaleen deggersa kan gootu ta’u ibsitee jirti. Kanas ministeera haajaa alaa Yunaaytiis Isteets keessatti itti aantuu itti gafatamtuu dhimmootii siyaasaa kan ta’an Viktoriyaa Nuulaand Wiixtata Waxabajjii 13 gara Moqdishootti imalanii yeroo turanti prezidaant Hassan sheek maahmuud waliin wal arguun kana dubbatan.

Kana malees Amerikaan shoroorkeessummaa dhabamsisuuf Somaaliyaanis ta’e hoggantummaa gamtaa Afrikaan yaalii gaggeeffamu kan deggertu ta’u ibsanii jiran.

Somaaliyaan caama badii hamaa geesisee fi wabii nyaataa ishee dhabsisee keessa yeroo jirtu kanatti Nuulaand somaaliyaatti jila addaa kan waa’ee caama mudatee deebii kennamu hordofan Abdirahman Warsamee fi dhaabattoota Tokkummaa Mootummootaa kanneen somaaliyaa keessaa jaarmayaa nyaataa fi qonnaa, dhaabbata daa’immanii ykn Yuniseef fi sagantaa nyaata addunyaa dabalatee dubbatanii jiru.

Mootummaan Amerikaa yeroo ammaa nyaata hatattamaan barbaadamu kennuuf, beela ittisuu fi gargaarsa namoomaa kanneen biroo Somaaliyaaf kennuuf akka jiru ibsan.Kunis gargaarsa namoomaa biyyoota gaanfa Afrikaaf kennamuuf kan karoorfame Doolaara miliyoona 100 fi miliyoona 5 keessaa ta’uun ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG