Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan torbaan lamaan duubatti qorsa dhaabii fayyaa Pfizer/BinTech COVID-19f hojjjatan haaraan namaan wallaanuu jalqabdi


FILE - Syringes are seen in front of displayed Biontech and Pfizer logos in this illustration taken November 10, 2020.
FILE - Syringes are seen in front of displayed Biontech and Pfizer logos in this illustration taken November 10, 2020.

Warrii qaraa qorsa kana argatu hojjattoota fayyaa warra mana jaarrolee ykn mana nama dhibame walti galchan(nursing home) keessa jiraatu,warra humna laafaati.

Amerikaa keessatti COVID-19 haga qaraallee caalaa dabalaa deemuutit jira. Sadaasaa qofa dhiba kana nama miliyoona 4.3 caala irratti argan.Akka bulchiinsii Tiraampi jedhetti ji’aan duubatti nama miliyoona 20 qorsa kana argachuu dandaha.

Dhaabbileen wallaansa Amerikaa qorsa COVID-19 hojjachuutti jiran gugurdoon Pfizer fi Moderna qorsa isaanii qooduuf eeyyma dhaabbilee bulchiinsa Amerikaa iraa fixachuutti jiran

Biritenilleen qorsa dhaabii farmaasii Amerikaa Pfizer hojjate nama muddamsuu keessa jiruu kennuuf muratte.Koronaa addunyaa keessaa nama miliyoona 64 caalaa irrtti argan nama miliyoona 1 fi kuma 400 caala galfaafae.

Qorsa kana Pfizer fi dhaaba teknooloojii Jermen, BioNtech jedhaniti waliin hojjate.Biriteyin qorsa koronaa torbaaniin duubatti namaa kennuu jalqabdi qaraa warra humna laafaatti argata.

Qorsii koronaaf dhaabii Faayzer hojjachuutti jiru harka 90 oli nama fayyisii dandahaa ykn abdii qaba jedhanii itti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG