Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Yeroo Dheeraa Booda Al-Shabaaiin Haleelte


Faayilii - Hoteela Afriik haleellaa Al-shabaab geggeessuu itti gaafatama fudhateen burkutaahe
Faayilii - Hoteela Afriik haleellaa Al-shabaab geggeessuu itti gaafatama fudhateen burkutaahe

Jajjabeen Somaaliyaa haleellaa garee shoroorkeessoota Al-Shabaab jala eega seenanii booda, baatilee hedduu keessatti yeroo duraaf gargaarsa waraanaa hanga tokko samii irraa gaggeeffamee argatanii jiru.

Ministriin ittisaa kan Yunaaytid Istees (peentaagoon) Kibxata kaleessaa galgala akka mirkaneesseetti humnootii Amerikaatu haleellaa samii irraa al tokko Gaalkaayoo cina magaala moqaadishoo kaabaa irraa fageenya kiloo meetra 580 ta’’u irratti haleelee jedhe. Kanas aangawoonni Somaaliyaa kaleessa labsanii jiru jedha.

Angawaan ministrii ittisaa kan Yunaaytid Isteetes RSA akka ibsanti, haleellaan kun aangawoota Amerikaa amma jiran biraa ehama kan argate yoo ta’u kunis humnootii michoota Amerikaa ta’an cina dhaabachuuf yoo ta’u, waraanni Amerikaa tokko iyyu lafa sana irra akka hin jirree ituu beekamuuti jedhan.

Humnootiin Amerikaa humnoota somaaliyaa kanneen michoomaan waliin hojjataniif fageenya irraa gorsaa fi gargaarsa kan kennan ta’uu ministeera ittisaa Yunaaytid Isteetsiif dubbii himtuu kan ta’an Sindii Kiing ibsanii yeroo tarkaanfiin kun fudhatameettis waraanni Amerikaa gargaaree hin turre jedhan.

Haleellaan samii irraa Kibxata kaleessaa Al Shabaab irratti qiyyaafachuun gaggeeffamee kun baatilee darban 6 keessatti akkasumas prezidaant Baaydiin aangoo eega qabatanii as kan duraati.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG