Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaatti bulchoota Poortilaandii fi bulchiinsii Tiraampi waraana federalaa godina sunitti erguu fi erguu dhabuu irratti waldhaban


A federal law enforcement officer, deployed under the Trump administration's new executive order to protect federal monuments and buildings, uses tear gas during a protest over racial inequality in Portland, Oregon, July 17, 2020.
A federal law enforcement officer, deployed under the Trump administration's new executive order to protect federal monuments and buildings, uses tear gas during a protest over racial inequality in Portland, Oregon, July 17, 2020.

Eegii Minisootaatti nama gurraacha George Floyd harka poolisi adiitti lubbu dhabee jedhanii namii hiriiraa mormiiti karaatti baafatee amma ji’a lammeessoo keessa jiran.

Warrii godina ykn state Portland ammallee hin gallee Amerikaatti bifa gogaatiin namna jibbuu hafuu malte jedhanii himachuutti jiran.

Hiriirii Portland waan banaa fi bobbaa dhowwate.Hiriira kana irratti poolisii fi warrii hiriir bahe wal dhabaa yaahuutti jira. Pirezidaanti Tiraampi hiriira humnaa namaatii oli bahe waraana federaalaatii lafa nagaati deebisaan itti jira.

Waraanii kun nama hiriira bahe qabee hidhuutti jira. Paartiin Demokiraati waraanii nama hiriira nagaa bahe qabame hurrisee Portland keessaa baasu fedhan.

Taatullee bulchiinsi Tiraampi magaallan Amerikaa hagii tokko bulchoota harkaa bahuutti jiran jedhee waraana itti erge.

Hiriira mormii dhiyoo tana Poortaalnditti bahan waan hedduun himan.

Namii dallanee makiinaa caaccabsee,buufata poolisii caaccabsee gubee,kaan ammoo wa saamee woma hedduutti tahe.

Paartiin Demokiraati warra nagumaan hiriira bahee rakkoo himate qabauun seera male jedhanii iyyuufiitti jiran.

Pirezidaanti Tiraamoi ammoo poolisii hujii dansaatti jiran jedhee mormeef.

“Warra lafa eegu guddaa achitti ergina tana mirkansee isanti hima.Jarii kun Poortlaanditti hujii dansaa hojjate.”

Bulchootii naannoo ammoo waraana federalaa hin fedhanii hin barbaadanillee. "Asi dhufiitii teessan hin barbaadanii hin fedhanillee.”

Akka bulchaan Poortilaandi jedhetti waraana federaalaatii nagaan bahanii galuu nama dhowwuutti jira.”Tun namuma gaazii ibiddatti naqe fakkaati.”

Hiriira guyyaa dheengadda asun irratti haawwan wal yaamanii harka wal qabatanii akka poolisiin hin tundhe warra hiriira bahu marsanii eegaa turan.

Paartii Demokiraati keessaa miseensii mana marii Ameriaa Rashida Tlaib akka pirezidaanti Tiraampi godina isiitti waraana Amerikaa hin ergine Twitter irratti gaafatte.

Tiraampi jeequmsa USA keessaa mumullatu waraanaan dhaabsisa jedhullee paartileen demokriaati godinii godina namii isaanii bulchu ufumaan bulchuu fedhan.

Warrii amantii akka laftii nagaa taatu hiriira bahuuf kurfoo jira. Bulchiinsi Poorltiland, Orgeon dhaabbilee waranaa Amerikaa nagaa dhowwan jedhan himachuf kurfoo jira. Eegii George Floyd ijjeesanii asi Amerikaatti namaii bahee rakkoo himachumatti jira.

.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG