National Basket Ball Association(NBA) Waldorgommii Waldaa Kubbaa Kaachoo Amerikaati.
Lakers ganna 10n duratti shaampiyoona taate.Gaafas garee Boston,Celti mootee shaampiyoona taate. MVP taphataan beekamaan gaafasii Kober Bryant.
Tapha sun irratti taphataan jajjabaan MVP LeBron James goolii 28 galfate. Lakers ganna 10 asitti takkuma waancaaf asi hin geenne.
Shaampiyoonaa NBA baranaa koronaatti nama wal hanqise malee silaa ji’a dabre keessaa taphatan.
Lakers kilabii Kobe Bryant,taphataa beekamaa barana intala isaa waliin balaa xuyyuuraatiin lubbuu dhabeeti.
Eastern Conference fi Western Conference jedhanii lamatti baasanii garee taphaan.Gama lamaanuu keessaa abbaa moohetti filatama.
NBA kilabi 30 qabdi. Lakers tapha kalee irratti garee Miami Heats 106-93 moote shaamiyoona taate.
Los Angeles Lakers Western Conference jala jirtii Miami Heats ammoo Eastern Conference jala jirti.