Guyyootaaf lola geggeessamaa tureen walaba ba’an kan ittiin jedhan naannolee Gondar kibbaa fi magaalaalee keessatti hojiin tasgabbeessuu hojjetamaa jira jechuu dhaan bulchaan godinichaa obbo Qelemewerq Mihiretee ibsaniiru. Gama biraan TPLF birgeediiwwanii fi loltoota hedduu dhabamsiiseera jechuun ibsa baaseef kaleessa VOAf deebii kennan dubbi himaan raayyaa ittisa biyyaa odeeffannoon dogoggoraa tamsaasuun mala lola TPLF jechuun haalaniiru.
Bulchaan godina Gonder kibbaa obbo Qelemewerq Mihiretee akka jedhanitti bakka TPLF seenee ture amma harka mootummaa fi humnoota naannoo Amaaraa jira jedhan. Gasaay, Kimir Dingaay, Saliigubigub fi magaalaaleen Nefaas Mewucaa raayyaa ittisa biyyaa fi humna addaa naannoo Amaaraa fi Milishaa akkasumas deggersa Faannoo fi hawaasichaan lola taasisameen bilisa ba’aniiru jedhan.
HIdhattoota TPLF keessaa kan du’e du’ee, kaan immoo booji’amee kan hafe injifatamuun naannoo sana dhiisee ba’eera jedhan. TPLF lolli keenya mootummaa waliin jechuu dhaan uummata afaan fajjessus, magaalaalee seene mara keessatti gochi inni raawwate eenyummaa isaa isa dhugaa mul’isa jedhan obbo Qelemewerq jechuun Asteer Misgaanaaw gabaaseteetti.