Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aminestii Internaashinaal  Biyyoonni Addunyaa Dhihaa Mirga Dhlala-namaaf Birmaachuu Irratti Loogii Agarsiisan Jedha 


Hawaasnii adduunyaa firoomaa ykn gamtaa ummataa Yuukreeniif agarsiise adduunyaa irraatti bakeewwan waltibu’insii jiruu irratis loogii malee agarsiisuu akka qabu dhaabanii mirga namoomaaf falmu Aminestii Internashinal gaafatee jira.  
Hawaasnii adduunyaa firoomaa ykn gamtaa ummataa Yuukreeniif agarsiise adduunyaa irraatti bakeewwan waltibu’insii jiruu irratis loogii malee agarsiisuu akka qabu dhaabanii mirga namoomaaf falmu Aminestii Internashinal gaafatee jira.  

Aminestiin gabaasaa wagga Qibxata har’aa baaseen haala Ityoophiyaa, Yamanii, Afgaanistaan fi Miyaanmaar haala Yuukreeniin walbira qabuudhaan, biyyoottan kanneen keessaatti deebiin ykn ilaalchii dhimma mirga namoomaatiif kennamee dadhabaa akka ta’e ibsee jira.

Barreesituun muummee Aminestii Internaashinaal Eginis Kaalamaard Ibsa Wixata kaleessaa Paaris keessatti kennaniin werara Raashaan Yuukreen irraatti raawwatte balaaleffatanii ,hawasaanii adduunyaa hokkoraawwaan umnaa walfakaataadhaan bakeewwan biroo irratti raawwachaa jiruu irraatti loogii agarsiisuu isaa kan dubbatan yemuu ta’u, tarkaanfiin poolisoonni wareen hiriiraa mormii taasisan irratti fudhachaa jiran adduunyaa irratti akka dabalaa deemee gabaasinii Aminestii ibseera.

Gocha farra namoomaa biyyoottan lixaa keessatti raawachaa jiru irratti xiyyeeffannaan akk keenamaa hin jirre kan ibsee gabaasini Aminesti kun, biyyoottan akka Sa’udi Arabiyaa fi Israa’eel gochaa raawwachaa jiraan irratti akka loogiin jiru eereera.

Firaans keessatti mormii taasisamaa jiruun walqabatee tarkaanfii mootummaan Emnu’eel Makaroon fudhachaa jiruu irratti kan gaafataman Jeen Kilaawud Saamuu’ileer , Firaansitti bakka bu’aan Aminestii, waan Iraanii fi daanga Paalaastaayin keessatti umnoota Isiraa’eliin taasifamaa jiruun wantii qixaatuu hin jiru jedhanii, Iraanii fi Paalastaayin keessatti mormiitoonni rasaasa dhugaatiin akka rukutamaa jiran ibsanii jiru.

Mormii Firaans keessatti dhiheenyaa kana taasifameen namoonni lamma du’uu isaanii kan ibsaan haanga’aan Aminesitii kun, Awuroopaa keessatti akkaataa seeraa kabachiisuuf waldhabiinsaa mariidhaan hiikuu irraatti Jarman, Beeljiyeemii fi Siwuudiniin akka fakkii gaariitti ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG