Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amnestii Internaashinaal Baahir Daar Keessatti Ajjeechaan Murtii Seeraa Alaa fi Dhiittaaleen Mirga Namoomaa Geggeessaman Jechuun Ibsa Baase 


Asxaa Amnestii Internaashinaal (suuraa faayilii)
Asxaa Amnestii Internaashinaal (suuraa faayilii)

Raayyaan Ittisa Biyyaa kan Ityoophiyaa magaalaa Baahir Daar keessatti namoota nagaa seeraan ala ajjeesuu fi yeroo tokko tokko immoo, miseensonni maatii mirga namoota jaallatan awwaaluu dhorkuu isaa gareen mirga namoomaaf falmu Amnesty International ibsa haaraa har’a baaseen hubachisee jira.

Ibsichi akkaataa loltoonni raayyaa ittisa biyyaa naannoo ganda 14 naannoo Abune Haraa fi Lidetaatti Hagayya 8 bara 2023 namoota nagaa 6 seeraan ala ajjeesan galmeesseera.Ji’a lama booda jechuun Onkoloolessa 10 fi 11 miseensonni raayyaa ittisa biyyaa yoo xiqqaate namoota nagaa 5 dabalatee waliigalaan namoota ja’a biroo seeraan al magaalatti keessaa bakka ollaa seba Tamit jedhamutti, ajjeesan jedha.

Dhiibbaan mirga namoomaa fi waldhabdeen naannoo Amaaraa intarneetiin cufamuu, qunnamtiin gartokkoon cituu fi labsii yeroo muddamaa bal’inaan itti fufee jiruun bilisummaa dubbii fi miidiyaa irratti dhiibbaa geessisaa jiru, akkasumas sodaa haaloo bahuu irraa kan ka’e odeeffannoon ba’u boodatti harkiifataa dha.

“Mootummaan Itiyoophiyaa haala waldhabdee hidhannoo Baahir Daarii fi guutummaa naannoo Amaaraa keessatti adeemsifamaa jiru keessatti, dhiittaa mirga namoomaa jiru irratti qorannoo walabaa fi bu’a qabeessa ta’e hatattamaan jalqabuu qaba jedha.

Bakka ragaan gahaan jirutti, namoonni sarbama seeraa raawwachuu isaaniitiin shakkaman adabbii du’aa osoo hin fayyadamin, ulaagaalee dhaddacha haqaa idil-addunyaa guutan irratti himatamuu qabu.” jedhan Daarektarri Amnesty International kan Afrikaa Bahaa fi gama kibbaa Tigere Chagutah.

''Itoophiyaa keessatti sirnaan adabamuun, haqni amanamaa fi itti gaafatamummaa miidhaa cimaa, seera addunyaatiin yakka ta'e yoo hin murtii arganne, yakka raawwatan jajjabeessuutu itti fufeera. Akka biyyaatti itti gaafatamummaa haqaa dhabuun babal’ate kanatti, yeroon itti xumura godhan amma jedha ibsi ba’e.

Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti gaazexeessitoota hidhuun sadarkaa lammaffaa irratti kan argamtu yoo ta'u, hanga Muddee 1 tti, yoo xiqqaate gaazexeessitoonni 8 mana hidhaa akka turan

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG