Xurree ittiin seenan

Breaking News

Anaa Daasenech keessatii Lolaan jiraattota buqqise


Anaa Daasenech keessatii Lolaan jiraattota buqqise
Anaa Daasenech keessatii Lolaan jiraattota buqqise

Bulchiinsa naanno kibaa, zoonii Oomoo kibbaa anaa Daasenech keessatii laginni Oomoo guutee danbali’uu isaatiin kan ka’e jiraattonii 62,000 qe’ee isaanii irraa Buqqa’aniiru.

Yoonaataan Zebdiyoos jiraattotaa balaa Kanaan midhaan irra qaqabeefi haanga’otaa nannoo hasofsiisuudhaan akka gabaassetti, balaa Kanaan homishin barbadaa’ee beelladoonii manaas kan midhaman Yemmuu ta’u, manoottan barumsaa hedduun lolaadhaan midhaan irra gaheeraa.

Bulchaa aanaa kan ta’an obbo Qabrarawu Tekluu gandoottan aanicha keessa jiran 40 keessaa 32 lolaadhaan rukutamanii misoomnii qotiinsaa barbadaa’eera.

Zoonii Omoo kibbaatti Itti gaafatamaa dhimma kominikashiinii kan ta’an obbo Malaakuu Lammaa akka VOA ti himanitti, balaa sun kan gahuu danda’e hidhii umna madisiisuu kan Gibee sadaffaa bishaaniin waan guuteef hirdhisuudhaaf jedhamee bishaan gad lakisamee lagaa oomootii dhangala’uu isaatiif jedhaniiru.

Bara darbes raakkoon wal fakkaataan akka Umamee turef balaa ammaa kanaan namoottan lama irrattii midhaan salphaan gaahuu irraa kan hafee lubbuu namaa irraatti rakkoon qaqqabe hin jiru jedhameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG