Xurree ittiin seenan

Breaking News

Anaa Daraashee Keessatti Tasgabiin Hin Argamne:Jiraattootaa fi Imaltoota 


Maapii Aanaa addaa Daraashee fi naanoo san agarsiisu (Google map)
Maapii Aanaa addaa Daraashee fi naanoo san agarsiisu (Google map)

Bulchiinsa Itiyoophiyaa kibbaa aanaa addaa Daraashee keessatti rakkoon nageenyaa hammaachuu isaan kan ka’e daandileen cufamanii tajaajiilli geejibaa danqamuu jiraattonnii fi imaltoonni RSA dubbisee ibsanii jiru.Bulchiinsaa daangaa aanaa addaa Daraashee fi godiina Konsoo akkasumas akkaataa gurmaa’uu kan ilaaleen gaaffii walakeessa baatii Bitooteessa dabree dhiyaate waliin wal qabatee anaa addaa Daraashee keessatti rakkoon nageenyaa uumamee amma iyyu itti fufee akka jiru, kanneen maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan RSA ibsanii jiru.

Raayyaa ittisa biyyaan kanneen hogganaman humnii addaa naannoo Sanaa fi polisiin Fedeeraalaa tokkummaan naannoo sana eega to’atanii booda nagaan hangii tokko argamee kan ture ta’uus namoota balleessaa raawwatan fi hin raawwannee haala adda hin baafaneen walitti qabanii hidhuun waan jalqabameef jiraattonni bosonatti dheessuu dubbachuun, tasgabbaa’uu hin dandeenye jedhan.

Shofeera kokolaataa fe’umsaa ta’u isaanii kan ibsan Obbo Xagaayee Mallaseekaraan waan cufameef torban tokkoof ala bullee jedhanii waan karaa irratti isan mudatee ennaa ibsan,namoota hidhatan ittiin jedhaniin saamamuu isaanii fishofeeriin isaan cina ture kan biraan rasaasaan madaa’uu ibsan.

Gareen ykn Gurmuun hidhatee jedhamee kun eenyummaan isaa ifatti hin ibsamiin jira.

Mootummaan irratti komee dhiyaataa jiru kana kan ilaaleen, bulchiinsa naannoo irraas ta’e waaltaa ajajaa looltootaa kan yeroof dhaabatee biraa yaadii kennames ta’e ibsii ba’e hin jiru jechuun Yonaataan Zabdiwoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG