Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angaawonni Dh.D.U.O Lama Hujii Irraa Buusaman


Loogoo Dh.D.U.O
Loogoo Dh.D.U.O

Angawoonni Dhaabbata Dimokraasummaa Ummata Oromoo lamaan aangoo irraa kaasamuun kan gabaasame erga dhaabichii Adaamaatti marii taaheen booda.

Gamaaggamni sun kan hoogganame dura taa’aa paartichaa fi pirezidaantiin naannoo naannoo Oromiyaa obboo Muktaar Kadir fi itti aantuun dura-teessuu paartichaa fi kaabinee mootummaa Federaalaatti taayitaa muummee ministeeraatti qindeessituu damee bulchiinsa gaarii aaddee,Asteer Maammootiin ta’uu gabaasaaleen kun ibsaniiru.

Akka murtii gamaaggama kanaattis miseensi koree hojii raawwachiistuu DH.D.U.O fi IHADEG akkasumas itti gaafatamaa waajjira DH.D.U.O,obbo Dhaabaa Dabalee itti gaafatama armaan olitti tuqaman irraa kaasamuun gabaasameera.

Garuu miseensa korii gidduu galeessaa dhaabbata dimokraasummaa uummata Oromoo ta’anii kan itti fufan ta’uun beekameera.

Haaluma wal fakkaatuun miseensi koree hojii raawwachiistuu DH.D.U.O fi IHADEG akkasumas itti gaafatamaa waajjira qabeenya uumamaa Oromiyaa kan turan obboo Zelaalem Jemaaneeh itti gaafatama irraa kaafamuu isaanii gabaasaaleen kun tuqaniiru.

Hanga gumii DH.D.U.O itti aanuttis hojii dhaabaa kam irraa iyyuu ugguramuun isaanii illee tuqameera.

Ibsii Facebook Dh.D.U.O irratti bahe kunoo:

Tokkoffaa Jaalle Dhaaba Dabalee miseensa koree hojii raawwachiiftuu DH D U O fi ADWUI,miseensa mana mare ADWUI,sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti bakka bu’aa mootummaa caffee fi itti gaafatamaa waajjira dhaabaa giddu galeessa DH DUO kan turan rakkoolee gegeessummaatiin koree hojii raawwachiiftuu irraa gara koree giddu galeessaatiin akka gad bu'anii fi itti gaafatama waajjira dhaabaa irraa akka ka'an murtaayee jira.

Lammaffaa obbo Zalaalam Jamaanee miseensa koree giddu galeessa fi miseensa mana mare ADWUI,sadarkaa pirezidaantiitti itti gafatamaan biiroo qonnaa MNO hanqina gaggeessummaatiin miseensa koree giddugaleessaa irra hanga yaa'ii itti aanuutti akka ittifamu murtaayee jira.

Dhuma irratti dhaamsaa fi ergaawwan koreen giddu galeessaa DH.D.U.O miseensota,deeggartoota qabsoo keenyaa fi ummata baldhaa oromootiif akka armaan gadiitti dabarsee jira

Angawoonni Dhaabbata dimokraasummaa uummata Oromoo lamaan aangoo irraa kaasamuun kan gabaasame dhaabbatai dimokraasummaa uummata Oromoo magaalaa Adaamaa keessatti gamaaggama inni geggeesseen booda.

Gamaaggamni sun kan hoogganame dura taa’aa paartichaa fi pireziidaantii naannoo Oromiyaa obbo Muktaar Kadir fi itti aantuu dura teessuu paartichaa fi kaabinee mootummaa Federaalaatti taayitaa muummee ministeeraatti qindeessituu damee bulchiinsa gaarii Aadde Asteer Maammootiin ta’uu gabaasaaleen kun ibsaniiru.

Akka murtii gamaaggama kanaattis miseensi koree hoji raawwachiistuu DH.D.U.O fi kan IHADEG akkasumas itti gaaftamaa waajjira DH.D.U.O kan ta’an obbo Dhaabaa Dabalee itti gaafatama armaan olitti tuqaman irraa kaasamuun gabaasameera. Garuu miseensa korii gidduu galeessaa dhaabbata dimokraasummaa uummata Oromoo ta’anii kan itti fufan ta’uun beekameera.

Haaluma wal fakkaatuun miseensi koree hoji raawwachiistuu dhaabichaa fi kan IHADEG akkasumas itti gaaftamaa waajjira qabeenya uumamaa Oromiyaa kan turan obbo Zelaalem Jemaaneeh itti gaafatama irraa kaafamuu isaanii gabaasaaleen kun tuqaniiru. Hanga gumii DH.D.U.O itti aanuttis hojii dhaabaa kam irraa iyyuu ugguramuun isaanii illee tuqameera.

Miseensonni koree giddu galeessaa dhaabichaa 81-nuu gamaaggamni isaan magaalaa Adaamaa keessatti xumuran qajeelfama IHADEG-n kan geggeessame ta’uu gaazexaan Riippoorter maxxansaa isaa kaleessaa irratti gabaaseera.

Akka gabaasa sanaatti gamaaggamni cufataan geggeessame sun ittiin ka’umsa sabatiinsi dhabamuu Oromiyaa keessaa fi qooda bulchiinsi naannoo qabu akkasumas hanqina bulchiinsa gaarii fi malaammaltummaa irratti ka fuuleffate ture.

Obbo Dhaabaa Dabaleetti ida’uu dhaan itti gaaftamaan waajjira bulchiinsaa fi dhimmootii naga eegumsa naannoo Oromiyaa obbo Solomon itti gaaftama isaanii irraa akka kaafaman murtaa’uu gaazexaan Rippoorter guyyoota hanga tokko dura gabaasuun ni yaadatama. Paartiin biyya bulchu kan Federaalaas haa ta’u kan naannoo Oromiyaa dhimma kana ni mirkaneessu jedhamee eegama jechuu dhaan Iskindir Fireew Finfinnee irraa gabaaseera.

Gabaasa guutun kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:25 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG