Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaa: Addi Bilisummaa Uummata Tigraay Gargaarsii Akka Hin Dabarreef Danqaa Ta’e


Faayilii - konkolaattota Sagantaa Nyaata Addunyaa, Waxabajjii 26, 2021
Faayilii - konkolaattota Sagantaa Nyaata Addunyaa, Waxabajjii 26, 2021

Gama Afaariin gara Tigraayti gargaaarsa dhala namaa kan akka nyaataa fi gargaarsaa kanneen biro fe’atanii konkoolaattoota socho’a turan, irratti Addi Bilisummaa Uummata Tigraay ykn TPLF haleelaa waraanaa gaggeessuu isaa Komishinarriin komishina hoggansa hojii kan yaaddoo balaa biyooleessaa Obbo Mitikkuu Kaasaa beeksisanii jiran.

Obbo Mitikkuu Kaasaa tjaajiila oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanti kun kan ta’e guyyoota darban sadii keessatti ta’u ibsanii, kanaaf jecha konkoolaataa fe’umsaa gurguddaan kanneen gargaarsa fe’an 189 dhaabachuuf dirqamuu ibsan.

Komishinariichi shoroorkeessaa dha jecchuun kan isa waaman Hiwaat bulchiinsa godiina naannoo Affaar aanaa Araat Fantii Rasuu Yaaloo keessatti haleellaa baneen karaan itti gargaarsii deemuu cufamuu ibsan.

Sagantaan nyaata addunyaa fi dhaabbattonni gargaarsaa kanneen biroon gargaarsa dhala namaa arjooman bulchiinsa naannoo Tigraay akka dhaqqabuuf mootummaan haala isaa mijeessuu kan ibsan Obbo Mitikkuun akka jecha isaanti haleellaa shoroorkeessootaan gaggeeffamaa jiruun dhiyeessiin gargaaraa danqamuu ibsan.

Walakeessa torban dabree Samaraa irraa fageenya kilo meetra 115 irratti gargaarsa nyaataa fe’anii gara Tigraay deemaa kan turan konkoolaataan 10 haleelamuu sagantaan nyaata addunyaa dheenegadda ibsee jira.

Kanaaf sodaa nageenyaaf jecha konkolaataan gargaarsa fe’an akka hin sochoonee dhorkuun haleellaa kana duuba eenyu akka jiru baruuf aangawoota waliin hojjataa akka ture jaarmayaan sagantaa nyaata addunyaa beeksisee jira.

Sararrii bilbilaa cituu isaan kan ka’e deebii Hiwaat argachuun dadhabamuu iyyu dubbii himaan jaarmayichaa Geetaachoo Raddaa dhaabata oduu Ajaans Fraans Preesiif akka ibsanti nannoo Afaarti tarkaanfii fudhatamuu amanuun, kaayyoon isaas milishoota Oromiyaa irraa dhufan addaan facasanii bakka irraa dhufanti akka deebi’an gochuu akka ta’e ibsan jechuun dubbachuu isaanii, Masfiin Arraagee Dasee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG