Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaasa Dhala Namaa Kennamuu kan Laaleen Marii Gaariin Akka Gaggeeffamuu Nan Abdadha: AngawaaTokkummaa Mootummootaa 


Faayilii - Namoota qehee irraa buqahanii mana barumsaa keessa dahatanii jiran, Tigraay
Faayilii - Namoota qehee irraa buqahanii mana barumsaa keessa dahatanii jiran, Tigraay

Dhimmootii gargaarsa dhala namaa fi gargaarsa hatattamaaf qindeesuuf itti anaa barreessaa duree kan ta’an Maartiin Griiffitz imaltuu guyyaa 6 har’a Itiyoophiyaa keessaa jalqabuu isaanii Tokkummaan mootummootaa har’a beeksisee jira.

Isaanis akka jedhanti qooda haaraa qabaataniin imaltuun ifatti gaggeessan ka duraaf gara Itiyoophiyaatti ta’u anaaf barbaachisaa dha jedhan.

Sababiin isaas walitti bu’iinsa hidhannoo Tigraay fi Beeneeshaanuul keessaa, akkasumas walitti bu’iinsa gosootaa kan , bulchiinsa naannoolee Afaar, Somaalee,ummattoota biyyatti gama kibbaa keessaa akkasumaa caama bulchiinsa naannoo Somaalee, oromiyaa fi Afaar keessaan kan ka’e gargaarsii dhala namaa barbaadamuu dabaluu isaan jedhan.

Rakkoo rifaasisaan kun balaa loolaa bishaanii, weerara Hawaanisa gammojjii, dhabamuun wabii nyaataa hamaa fi weerara dhukkuba KOOVIID-19ti dabalata ta’u ibsan.Daawwannaa gaggeessan Kanaan aangawoota mootummaa kan sadarkaa olaanaa fi bakka bu’oota hawaasa gargaarsa dhala namaa fi arjoomtoota gargaarsaa waliin wal arguu jedhamee eegama.

Guutuummaa Itiyoophiyaa keessatti deebii gargaasa dhala namaa kennamuu kan ilaaleen, marii ijaaraa ta’e akka gaggeeffamuu nan abdadha jedhan.Siviiloota walitti bu’iinsa gaggeeffameen miihaman akkasumas, rakkoo hojjattooota gargaarsa dhala namaa irra ga’u arguuf jecha Tigraayti imaluuf karoora akka qaban ibsanii jiru.Kan amalees aangawoota bulchiinsa naannoo Amaaraa magaala Baahir Daar keessatti arguuf karoora akka qabanis ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG