Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Tokkummaa Mootummootaa Itiyoophiyaa Daawwataa Jiru


FAAYILII - Itti aantuu barreesituu Tokkummaa Mootummootaa Aminaa Mohammad

Itti aantuun barreesituun Tokkummaa Mootummootaa Aminaa Mohammad kaleessa kan wal waraansaan miidhamte magaala Kombolchaa godiina walloo kaabaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraa dawWatanii jiru.

Imalli gara biyyatti gama kaabaatti gaggeessan kun erga gumii gamtaa Afrikaa isa 35ffaa irratti argamanii booda.

Itti aanaa bulchaan bulchiinsa naannoo Amaaraa Dr. Geetaachoo Jambaree oduu gabaastotaaf akka ibsanti, Aminaan namoota walitti bu’iinsa gaggeeffameen miidhaman waliin dubbatanii jiru.

Akka Dr. Geetaachoon jedhanti bakka awwaalcha namootaa fi caasaalee Adda Bilisummaan Uummata Tigraayiin barbadeefaman ittiin jedhan dawwachuu isaanii fi gara Tigraay fi Afaarti imaluuf akka jiran ibsan.

Gama kaaniin gaanfa Afrikaatti jilli addaa kan gamtaa Afrikaa Olusheeguun Obasaanjoo har’a magaala Dasee seenuu walitti bu’iinsa gaggeeffame sana booda caasaalee barbada’an dawwatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG