WAASHINGITAN, DIISII —
Bulchiinsa Naannoo Afaar fi kan Bulchiinsa Naannoo Somaalee daangaa walii irratti siviiloota ajjeefaman kan ilaaleen wal himataa jiru.
Mootummaan naannoo Somaalee kaleessa ibsa baaseen humnootiin addaa kan bulchiinsa naannoo Afaar daangaa ce’uun siviiloota 25 ajjeesan jechuun himate.
Bulchiinsii naannoo Afaar gama isaan Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibseetti siviilonni 30 caalan humnootii addaa kan somaaleen ajjeefaman.
Kunis walitti bu’iinsa daangaa lameenii giddutti ta’uun ibsamee jira.