Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Amerikaa Mooraa Baqattoota Dadaab Daawwatan


Snatorri America duraanii Bill Frist mooraa Dadaab kan Keniya jiru daawwatanii har’a as Washingtonitti erga deebia’anii guyyaa tokko booda namoota beela’an gargaaruuf hedduutu hojjetamuu qaba jedhan.

Waa’ee beela kanaa dadammaqiinsa kennuuf jecha haadha warraa itti aanaa presidentii America Jill Biden fi angawoonni ka biroo hedduun wixata darbe mooraa sana daawwatanii jiran.

White Houses guyyuma sana hongee Somalia, Kenya fi Itiyoopiyaa keessaaf kan oolu doolaara miliyoona 105 gargaarsa itti dabalaa kennuuf labsee jira.

Baqattoonni kuma 480tti tilmaamaman Kenya keessa kan jiran si’a ta’u kanneen kuma 420 ta’an immoo mootaaa Dadaab keessa jiru. Guyyaa guyyaatti baqattoonni kuma 1400 hanga 1800 gamas waan seenaniif lakkoobsi kun itti dabalaa adeemaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG