Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Burkinaafaasoo Looltoota 8 Hidhan


Mootummaan fonqolchuuf shiran kan jedhaman torban kana hidhuu isaa / abbaan alangaa waaraana biyyatti beeksisanii jiru.

Fonqoolcha mootummaa shiran jechuun midiyaan naannoo kan gabaasan ilaalchisee mootummaan dhugaadha ykn soba hin jedhiin jira.

Abbaan alangaa waraanaa Kibxata dabree ibsa baaseen, looltonni kun shiruu fi biyyatti tasgabii dhabsiisan jedhamuun hidhamuu isaanii fi qorannaan gaggeeffamaa akka jiru ibsuu bira taranii gad fageenyaan waan jedhan hin qaban.

Gabaasaaleen Midiyaa Letunaant Koloneel Emmanuel Zoungrana dabalatee looltonni ka biroon 7 hidhamanii jiru.

Prezidaantiin biyyatti baatii muddee dabree Zoungraraa aangoo irraa kan kaasan yoo ta’u, kunis maadhee waraanaa biyyatti gama kaabaa keessa jiru irratti haleellaan dhaqqabe yoo xiqqaate looltoota 49 eega galaafatee booda.

Burkinaafaasoon haleellaa hidhattoota Islaamaan raafamaa kan jirtu yoo ta’u, nageenyii dhabamuu isaatiniis mormii bal’aan keessatti gaggeeffamaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG