Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Mormituu Kan Oromoo Lama Hidhaman



Paartilee mormituu kan Oromoo keessatti aangoo irraa kan turan Obbo Baqqalaa Garbaa fi Oboo Olbaanaa Leellisaa hidhamuun beekamee jira.

Dubbi himaan mootummaa Itiyoophiyaa Shimallis Kamal akka jedhantti Obbo Baqqalaa Garbaa gocha shoroorkessuummaa kan Adda Bilisummaa Oromoon gaggeefamu waliin hidhata waan qabaniif hidhaman.

Kan Obbo Olbaanaa Lellisaa garuu himata maaliin akka ta’e hin ibsamne.

Gamtaa MEDREK fi WAFIDO dura tessummaan gaggeessaa kan jiran Dr. Moggaa Firrisaa akka jedhantti, lameenuu paartilee isaanii keessatti itti gafatama hariiroo alaa irra waan jiraniif jecha, caamaa fi beela Itiyoophiyaa keessaa kan ilaaleen dubbataa waan turaniif hidhaman shakkii jedhu qabu.

Gabaasaa guutuu mp3 tuquun dhaggeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG