Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Tigraay Marii Nagaaf Qophii Dha: Getaachoo Raddaa 


FAAYILII - Dubbii himaaa ABUT Geetaachoo Raddaa
FAAYILII - Dubbii himaaa ABUT Geetaachoo Raddaa

Mootummaa Fedeeraala kan Itiyoophiyaa fi aangawoota Tigraayiin bulchaa jiran giddutti mariin nagaa akka jalqabamuuf yaalaa kan jiran jiloonnii gartuu sadaffaa gara Maqaleetti deddebi’aa akka jiran dubbii himaan ABUT Geetaachoo Raddaa tuuta oduuf ibsanii jiru.

Angawoonni Tigraay nagaa buusuuf qophii ta’u ibsanii jiru.Jillii addaa kan gamtaa Afrikaa yeroo torba caalaa deddebi’uu isaanii akkasumas bakka buutonni gamtaa Awuroopaa maqalee keessa akka turan ibsanii rakkoo gargaarsa dhala namaa jiruu akka hubatan ta’u isaa fi hospitaala rifeeraalaa Aydar daawwachuun isaanii Obbo Geetaachoon ibsanii jiru.

Mootummaan Abiyyi jechuun kan Obbo Geetaachoon waaman mootummaan Fedeeraalaa dhugaa ta’u fi hin taanee isaa beekuu baannuus nagaaf fedhii akka qabu Paarlaamaa dabalatee ibsee jira jedhanii mootummaan Ertraa garu carraa karaa nagaa danquuf gufachiise jechuun himatan.

Himannaa Ertraa irratti dhiyaate kanaaf aangawoota Ertraa irraa kallattiin waan dhaga’ame jiraachuu baatuus, yeroo yerootti ibsa kennaniin, hogganoota TPLF farra nagaa fi shoroorkeessoota kechuun himataa turan.

Guyyaan Wareegamtootaa Har’a Tigiraay Keessatti Yaadatamee Oole

Guyyaan Wareegamtootaa har’a Tigiraay keessatti marsaa 34ffaaf yaadatamee ooluu aangawoonni naannicha bulchaa jiran beeksianiiru.

Magaalaa Maqalee irraa ibsi har’a bahe akka addeessetti, guyyaan kun – kanneen waggoota 34 dura guyyaa kana haleellaaa xayyaaraan Gabaa Hawuzeen irratti raaw’atameen dhuman, kanneen waggaa sadii dura ajjeesaman hoogganaa ajajoota humnoota waraanaa Itiyoophiyaa duraanii – Jeneraal Sa’aaree Mekonnin fi kan isaan waliin ajjeesaman – Jeneraal Gezzaa’ii Abarraa, akkasumas, “waggaa tokko dura, uummata gabaa Togongaa bahe irratti halellaa humna qilleensaan raaw’atame,” jedheen kanneen wareegaman guyyaa itti yaadamu tahuu beeksisee jira.

Guyyaan kun, shaamaa ibsuudhaan, agarsiisawwan artii dhiheessuudhaan, akkasumas marii geggeessuudhaan naannoolee adda addaatti yaadatamee ooluu isaa – Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG